Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 6 - KITAABA WAAQA

1 Eegi suni jari Yeso heddannaani worra afaani Griki dubbatufi ka afaani Ebrania dubbatu wold'abani. Jari afaani Griki dubbatu nad'eeni teenna ta d'iirsowani iraa raawate, qooda sagale ka guyya ch'ufa keesati aka dansa inqorqoratani jed'e himate.

2 Tanaafi jari kud'ani lamaani kaani gumi ch'ufa wolti yaame waan jed'eeni, Aki nu Dubbi Waaqa lakimne nama gololchinu fuulaaniti.

3 Tanaafi oboleyaani, jiddu teesani keesa nama torba, ka d'uga, fohad'a, nama Lubbu Qulqullooni guutamefi ka qalbi qabu, duuba nu huji tana iti kennina.

4 Ammo nu guyya ch'ufa Waaqa kad'anne dubbi isaa hasoomna.

5 Dubbini tuni gumi ch'ufa gammachiifte, Stefano ka d'ugefachaafi Lubbu Qulqullooni guutame fohatani, ammalle Filipofi Prokorofi Nikanorifi Timonifi Parmenafi Nikolao, ka Antiokia, ka aada Yahuditi gale fohatani.

6 Jara kana ergattu duraani d'ufani, ergattuuni Waaqa kad'atte harka ira keete.

7 Dubbini Waaqa guddatte, ammalle henni jara Yeso ka Yerusalemu keesa guddate, qaaloleeni hedduleeni d'ugefatte gula yaate.


Qabisa Stefano

8 Stefanoni ka eebafi jabeennaani guutame, jiddu biyya keesati waan mamafi akheekha heddu tolche.

9 Jennaani jari mana Waaqa iti kad'atani ka balcha jed'ani tokofi, Yahudi lafa Kireneti d'ufteefi ta Iskanderia d'ufte, ammalle Yahudiini Kilikia d'ufte Stefanoni morkite.

10 Ammo Lubbuuni Waaqa jabeenna isaa kennite, Stefanoni morku dad'abani.

11 Tanaafi jara toko gumbeesani waan jed'aniini, Nu namicha kana ka Musafi Waaqa arabsu, d'ageenne jed'a namati odeesa.

12 Worri gumifi jaarolefi jara Seera beekhu iti kaase, d'ufani Stefano qabani, gara jaarole kora geesani.

13 Nama d'ara dubbatu barbaadani waan jed'aniini, namichi kunini dubbi hamtu Mana Waaqa qulqullo kanaafi waan Seera Musale dubbachu illakimne jed'a.

14 Nu ya d'ageenne aka inni, Yesoni Nazareti mana qulqullo kana balleese aada Musani nuu kenne tana garagalcha jed'u!

15 Nami kora keesa jiru ch'ufti ila Stefanoti qabe, fuula isaa ka aka fuula malaika fakaatu argani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan