Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 5 - KITAABA WAAQA

1 Ammo namicha toko jira, ka Anania jed'ani, niitiini isaa Safira. Inni oobru toko gurgurate,

2 hori haga gari, ka niitiini isaa beetu, hambifate, ka hafe kaani ergattuti kenne.

3 Petroni waan jed'eeni, Anania, Sheet'ani maafi garaa kanke keesa seene, atini Lubbu Qulqulloti kiyyibde, hori argatte gama toko hambifatte?

4 Eegi oobru suni ingurguriini tanteti, gurgurraanile horiini kanketi. Atini maafi garaa kanke keesati aka waan kana tolchitu qulqulte? Atini nama insoomne ammo Waaqa sobde!

5 Akuma waan kana d'agayeeni, Ananiani jige due; nami waan kana d'agaye ch'ufti sodaate.

6 Jari kaima toko d'ufe, reefa isaa woyaani mamare d'aqe awaale.

7 Eegi saa sadifa niitiini isaa, ta waan kana tokole quba inqamne, mana olseente.

8 Petroni waan isiini jed'e, Me nati himi, oobru suni woma kanati gurgurtani? Isiini waan jetteeni, Ee, woma suniti, gurgurre.

9 Duuba Petroni waan jed'eeni, isani akami aka lubbu Aabbo sobdani wold'at'ani? Me ilaali, miili jara d'iirsa kanke awaale ammalle fulluma balbala jira, sile imfuud'ani.

10 Isiini hojuma suni miila isaa durati jidde doote. Jari kaima kaani olduunnaani isi doote argani duuba baatani d'aqani d'awatu d'iirsa isiti awaalani.

11 Gumi Waaqatiifi nami waan kana d'agaye ch'ufti guddo sodaate.


Akheekhafi waan mama heddu

12 Harki ergattu akheekhafi waan mama heddu gumi keesati tolche. Worri ch'ufti garaa tokooni balbala Solomoni jed'aniti wolwoldae.

13 Biyyiti ch'ufti waan dansuma worraa dubbate, ammo maro sodaatiifi nami tokoleeni worraati daramu dad'abe.

14 Ammo nami hedduuni, d'iirafi nad'eenileeni d'ugefannaani gumi Aabbooti darame.

15 Maro waan kanatifi nama fayyad'abe sireefi itile ira ch'iifsisani karaati geesani, aka yo Petroni achi dabru gandiduni isaa worra ira baatu.

16 Nami hedduuni Yerusalemufi dira d'awatu Yerusalemuti yae, nama fayyad'abefi ka jinni hamtu qabu worratiini d'ufani; nama ch'ufa fayyisani.


Ergattu gargalchani ammalle

17 Qaallicha Guddafi nami isa woliini jiru ch'ufti, ka goli Sadukayo, guddo ergattu qot'isani,

18 ergattu guurani, mana hid'aansa keesa naqani.

19 Ammo malaikaani Aabbo toko d'ufte, halkani balbala bante, worra hid'aansa keesaa yaafte, waan jetteeni,

20 Beena, Mana Waaqa d'aqa, dubbi jireenna hareesa kana hasaa, nama barsiisa.

21 Akasi d'ageennaani worri Mana Waaqa ganamaani duude nama barsiise. Jennaani Qaallicha Guddafi waheli isaa ch'ufti d'ufani, jaarole kora wolti yaamani, akasi jechaani jaarole ch'ufa ta gosa Israeli jecha; duuba nama mana hid'aansati ergani, ergattu yaamani.

22 Ammo shumooti d'ufte mana hid'aansa keesaa worra d'abde, gara jaarole koraa d'at'e iti himte waan jette,

23 Yo nu mana hid'aansatiini baane, balbala hid'aansa qabdu agarre, askarti eedule agarre, ammo balbala banannaani nama tokole keesa d'amne.

24 Gudda Mana Waaqatiifi qaaloleeni gugurdooni waan kana d'ageennaani waan ergattuuni taate guddo mamte.

25 Jennaani namichi toko d'ufe waan worraani jed'e, Ilaala, jari isani mana hid'aansa keesa nat'ani, Mana Waaqa keesa ejaanje biyya barsiisu jira jed'e.

26 Jennaani namichi gudda Mana Waaqa askarti woliini ergattu fuud'u d'aqe, ammo irreeni infuune laanuma fuud'ani, wonti akanatiifi worri waan biyyiti d'akhaani d'aantu sehe sodaate.

27 Eegi d'ufaniini jaarole kora dura d'ad'aabani, Qaallichi Guddaani worra gaafate waan jed'eeni,

28 Nu ya aka isani maqa kanaani imbarsiimne isaniti seereeyu? Ammo isani ya Yerusalemu dubbi tanaani guuttani, ammalle d'iiga nama kana mata keenna ira kayu feetani!

29 Ammo Petrofi ergattuuni d'ibiini waan jetteeni, Nu nama ira Waaqa ch'aqasu malle.

30 Waaqi ababoota teenna, Yeso ka isani ijeeftani mukha irati fanniftani kaase.

31 Waaqi la harka mirgicha ufitiini isa guddise, aka inni Gudda keennafi Qarqaarsa keenna tahe, gosa Israeli daba iraa deebise araarama worraa kennu.

32 Waan kana nuleeni isaa d'uga, nufi Lubbuuni Qulqulloleeni, ta Waaqi worra isa ch'aqasu kennu.

33 Waan kana d'ageennaani garaani isaani guddo gubate, aka ergattu ijeesani mariatani.

34 Ammo namichi Farisayo toko, ka Seera beekhu, ka nami ch'ufti saadu, ka Gamalieli jed'ani, kora jaarole keesati olejate, Ergattu diqo toko alati baasa jed'e.

35 Jennaani waan jaaroleeni jed'e, Isani worra Israeli, waan jara kana tolchitani eegad'a.

36 Duri namichi toko ka Theuda jed'ani, ka nama gudda ufi sehe, d'ufe, nami haga d'ibba afuri isati mataqe. Ammo isa ijeesani, jennaani nami isa gula yae ch'ufti gargari firfirfame.

37 Eegi nama suni, bara maqa nama t'aafani kaani namichi Galilaya toko ka Yuda jed'ani, nama heddu ufiti yaame. Ammo isale ijeesani, ammalle nami isa gula yau ch'ufti gargari firfirfame.

38 Tanaafi amma waan anini isaniini jed'u, Jara kana hanqad'a, lakisa. Yo dubbi tanaafi hujiini tuni ta namaa taate inuma baddi;

39 ammo yo ta Waaqaa taate balleesu indandeetani. Hegeri isani Waaqaani morkitanifa.

40 Worri dubbi isaa quufe, ergattu yaamani d'aanani, aka worri deebie maqa Yeso Kristotiini nama imbarsiimne seeraani gallakisani.

41 Ergattuuni ta gammada qabdu kaate jaarole kora biraa yaate, waan Waaqi maro maqa Yesotiifi gaargalafi ch'eera worratiini d'ufeefi.

42 Guyya ch'ufa Mana Waaqatiifi mana biyya keesaleti Odu Dansa ta Yeso Kristo odeesani nama barsiisani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan