Huji Ergattu 4 - KITAABA WAAQA1 Ato Petrofi Yohanani taani gumiini hasaanu, qaalolefi namicha gudda Mana Waaqatiifi Sadukayoni worrati d'ufani. 2 Duuba Waan Petrofi Yohanani maro kaisa Yesotiifi, Nami due inkaa jed'ani barsiisaniifi, 3 Petrofi Yohana qaqabani mana hid'aansa keesa kayani, waan lafti galgalooftefi haga boriyya achuma keesati lakisani. 4 Taatule nami dubbi suni d'agaye hedduuni d'ugefate; nami d'iira ka d'ugefate haga kunki shani. 5 Boriyya jara gugurda Yahuditiifi jaarolefi jari Seera beekhu Yerusalemu keesati, 6 Anasi Qaallicha Guddafi Kayafafi Yohanafi Iskandafi worra d'ibi ka fiit'a Qaallicha Guddatini wolwoldaani. 7 Petrofi Yohana jiddu worra keesa d'aabani waan jed'aniini, Humna tamiini yokhaani maqa eenutiini waan kana tolchitani? 8 Jennaani Petroni Lubbu Qulqullooni guutamnaani waan worraani jed'e, Shumootaafi jaarole gosa Israeli, 9 Yo isani guyya kana waan huji dansa ta nu tolchine, namicha naafa kana fayyimne nu qortani, 10 isaniini ch'ufti beekhu maltani, ammalle gochiti Israeli ch'ufti hubachu malte, namichi kunini jabeenna maqa Yeso Kristo Nazareti, ka isani ijeeftani Waaqi duisa keesaa kaaseeni fayya ufitiini isani dura eja. 11 Yesoni kuni sunuma ka t'aafiini waan isaa dubbatte waan jettu, D'akhaani isani ijartuuni tuffattani ya d'akha jaba tahe. 12 Bahisi isa ch'alla keesa jira, nami d'ibiini ka Waaqi namaa kenne lafa keesa injiru, ka nu dandeenne baanuuni. 13 Jaaroleeni kora jannooma Petrofi Yohana arginaani, ammalle aka worri woma insoomiini hubannaani mamte, aka worri Yeso woliini tae beekhani. 14 Waan dubbatani d'abani, maro namicha fayyisani kaani, ka Petrofi Yohana bira eju, arganifi. 15 Tanaafi, Hasaa qamna, fulla korati yaa worraani jed'ani, wolmariatani waan woliini jed'ani, 16 Worra kana maani tolchina? Nami Yerusalemu keesa jiru ch'ufti aka worri kuni waan mama kana tolche quba qaba, nu dandeenne imorminu. 17 Ammo aka nama ch'ufa waan kana d'agayu d'owarru, koota, worrati seera, aka guyya d'ibi maqa kanaani nama imbarsiimne. 18 Petrofi Yohana yaamani iti seeraani, aka maqa Yesotiini maro d'ibi nama imbarsiimne. 19 Ammo worri waan jed'eeni, Isaniyu ilaala, dubbi teesani mo ta Waaqa ch'aqamna? 20 Wonti akanatiifi nu waan d'ageenne argine kana d'ossu indandeenu. 21 Duuba kori kaani maro nami ch'ufti waan argeefi Waaqa faarseefi, waan worra tolchu d'abe iti seere galakise. 22 Namichi fayyisani kaani ganni isaa afurtama ira jira. Gumiini jannooma kad'atti 23 Eegi gallakisani, worri gumiti dachae, waan qaalole gugurdofi jaaroleeni worraani jette ch'ufa gumiti hasaani. 24 Duuba gumiini suni waan kana d'ageennaani, garaa tokooni Waaqa kad'ate waan jette, Aabbo gudda, atini Waaqa lafafi gubba uume galaanafi waan keesa jira ch'ufale uumte. 25 Atini afaani tisse tante, abba keenna Dauditini dubbatte waan jette, Gochiti d'ibiini maafi dalante, yokhaani biyyiti maafi ufumaa wo heredde? 26 Hayyooti lafa ch'ufa kurfefatte, jari lafa fidu wold'aqe, aka Aabboofi Kristo isaa ijeesani. 27 Dira kana keesati Herodefi Pontio Pilatoni gosa d'ibiifi gosa Israelitiini wold'aqani, aka Yeso, hojattu tante qulqullo, ta atini Kristo tolchite ijeesani. 28 Worri wold'aqe aka waan ch'ufa ka atini harka kanketiifi fed'i tantetiini qara buufatte tolchani. 29 Ammatana, Aabbo, dubbi worri nuuni sodaachiisu tana ch'aqasi, aka tisseleeni tante jabaatte soda male dubbi tante dubbattu tolchi. 30 Harka kanke d'eerefad'u, nama fayyisi, aka akheekha waan mama maqa Hojattu tante qulqullo Yesotiini tolchani. 31 Eegi Waaqa kad'atani, fullaani worri iti kad'atu chochoote, worri ch'ufti Lubbu Qulqullooni guutame, soda male dubbi Waaqa dubbatani. Wold'aqisa gumiiti 32 Gumiini d'ugefatte suni ch'ufti nama garaa tokotiifi qalbi tokoti. Nami tokoleeni waan qabuuni kiyya injenne, ammo waan qabani ch'ufa gargari qoodatani. 33 Jabeenna guddaani waan kaisa Aabbo Yeso odeesani, Waaqileeni guddise worra eebise. 34 Nami tokoleeni ka gaargala qabu worra keesa injiru. Nami oobru yokhaani mana qabu, ch'ufa gurgure, hori suni ch'ufa guure, 35 harka ergattuti kenna; duuba hori kaani nama ch'ufaa gargari qoodani. 36 Namichi toko ka Yusufu jed'ani, ka ergattuuni Barnaba jettuuni (Nama nama jabeesu jechu), ka gosa Lawi, ka lafa Kipro, 37 oobru ufi gurgure, hori suni d'ufeeni harka ergattuti kenne. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya