Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 24 - KITAABA WAAQA

1 Eegi guyya shani Ananiani, Qaallichi Guddaani, jaarole woliini d'ufe, nama Paulo himatu toko, ka Tertulo jed'ani woliini. Duuba waan Paulo himataniifi jaallabati hasaani.

2 Paulo yaamani jennaani Tertuloni isa himate waan jed'e, Ee Feliki gudda, waan maro tantetiifi nagaya keesa teennuufi, ammalle maro qarqaarsa kanketitiifi huji dansa ta gosa tana tolchanifi,

3 nu guyya ch'ufa fulla ch'ufati waan nu waan kana arganneefi galata sii deebimna.

4 Dubbi d'eertuuni si gaargalchu imfed'u, tanaafi amma si kad'ad'a, dubbi teenna diqo tana d'agayi.

5 Nu nama kana ka nama gaargalchu argine; inni fulla deemu ch'ufati Yahudi yaka; inni gudda worra Nazarayoti.

6 Ammalle inni Mana Waaqale t'ureesu feenaani nu isa qamne. Nu akuma aada teenna gula duuba isaa qoru feene,

7 ammo guddaani keenna Lisiani d'ufe irre guddooni harka keenna keesaa isa fuud'e.

8 Ammalle Lisiani seera baase, aka nami isa himatu si dura d'ufu. Yo atini namicha kana wo gaafate, dandeete waan nu isa himannu kana ch'ufa isa irati ingarta.

9 Yahudiini ch'ufti wold'ate, Himachaani tunini d'uga jette.


Pauloni ufii dubbata Feliki durati

10 Jaallabi harka Pauloti qabe, Dubbad'u, jed'eeni. Pauloni waan jed'e, Anini aka atini dubbi lafa tana ganna heddu qorte imbeekha, tanaafi anini ingammada, maro si durati ufii dubbad'uufi.

11 Atini yo biyya gaafatte ind'ageeta, guyya kud'ani lama ka dabre, anini Waaqa kad'achu Yerusalemu d'aqe.

12 Yahudiini ana nama tokoleeni wo mormu inagarre yokhaani ana biyya wolti baasule ingarre, Mana Waaqa keesafi dira keesaleti.

13 Waan na himatani kana tokole d'uga inqabani.

14 Anini waan toko si durati fud'ad'a. Anini Waaqa ababoota teenna Kara worri d'ara jed'uuni gula kad'ad'a. Anini waan Seera Musatiifi kitaaba raagoota keesati t'aafani ch'ufa ind'ugefad'a.

15 Akuma worri Waaqa abdatu, anileeni akasuma abdad'a, aka nama ch'ufa, hamafi dansale, duisa keesaa kaasani.

16 Tanaafi anini guyya ch'ufa Waaqafi nama duraleti aka wollaala male deemu ufi d'owa.

17 Ganna heddu Yerusalemu iraa tae jennaani horifi sorio gosa tiyya baasu d'ufe.

18 Anaa waan kana tolchu jiru Mana Waaqa keesati na argani, eegi anini aada qulqullefacha hobaafad'e. Gumiini na woliini injirtu, gohantileeni injirtu.

19 Ammo Yahudiini lafa Asia achi jirti, worri si dura eje na himachu male, yo waan na himataniifi qabaate.

20 Yokhaani worri kunini ha wollaala anini gaafa gumi kora dura eje dubbad'e tolche himuti, waan tokoti

21 anini worra durati olkae jennaani jed'e male. Wonti na qoraniifi maro anini kaisa nama due d'ugefad'uufi na qorani.

22 Jennaani Felikini, ka waan kara kana aka dansa beekhu, kora baase dubbi teesani inilaala yo guddaani askarti ch'ufa ka Lisia jed'ani d'ufe jed'e.

23 Askarticha Paulo tissuuni, Aka dansa isa eegi ammo inhid'iini, aka jaalaani isaa waan inni fed'u kennituufi ind'owiini jed'e.

24 Eegi bulti diqo toko Felikini, niiti ufi Drusila ta gosa Yahudi, woliini d'ufe. Inni Paulo yaame waan d'ugefacha ta Yeso Kristo d'ugefatani nati himi jed'e, isa ch'aqase.

25 Ato Pauloni tae waan d'ugaatifi ka obsaatifi ka qorsuma hegeri d'uftu dubbatu, Felikini sodaate waan jed'e, amma beeni, yo isiini naa fuute si yaama.

26 Inni waan Pauloni beeseni isa gumbeesu sehe. Tanaafi maro heddu isa yaame hasaeeni.

27 Eegi ganna lama Porkio Festoni huji Feliki iraa fuud'e. Duuba Felikini aka Yahudi gammachiisu Paulo hid'aansa keesati lakise.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan