Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 21 - KITAABA WAAQA

1 Eegi nagayaati worraani jenne, hobolo duunne Kositi qajeelle; boriyya Rodo d'umne, eegi suni Patarati dabarre.

2 Hobolo Foinike deemtu toko arginaani seenne iti d'aabanne.

3 Eegi Kipro argine, harka bitaati ufi lakimne Shamu d'anne, dira Tiro keesa seenne, waan hobolooni miha achiti buufachu feeteefi.

4 Jara Yeso arginaani haga guyya torba achi teenne. Worri jabeenna Lubbu Qulqullotiini Paulo iti hime aka inni Yerusalemu ind'anne.

5 Guyyaani hobaanaani kaane kara keenna qabanne. Nami ch'ufti ijoolle ufi woliini nu gegeese, haga nu dira keesa baanuti. Afaani galaanati jilbifanne Waaqa kad'anne.

6 Nagaya wolti d'aamanne hobolo duunne, worri worra ufiti gale.


Pauloni Kaisaria d'aqa

7 Eegi nu Tiro kaane, Tolemai d'umne; duuba oboleyaani nagaya fuune, guyya toko worra woliini oolle.

8 Boriyya kaane Kaisaria d'umne. Mana Filipo, nama Odu Dansa hasau, seenne woliini teenne. Inni jara torbaani Yerusalemuti fohatani kaani keesa jira.

9 Namichi kunini ijoolle dubra afuri qaba, ta dubbi Waaqa hasooftu.

10 Eegi nu diqo achi turre, raagi Agabo jed'ani toko, Yudea d'ufe.

11 Fulla teenna d'umnaani gurda Paulo fuud'e, harkafi miila ufi hid'e waan jed'e, Lubbuuni Qulqullooni waan jettu, Yahudiini Yerusalemu jirtu, abba gurda kana fuute, akana hiite harka gosa d'ibiti kenniti jed'e.

12 Waan kana d'ageennaani nufi worri sunileeni Paulo kad'anne aka inni Yerusalemu ind'anne.

13 Jennaani Pauloni waan jed'e, Isani maani tolchitani, ka bootani garaa na yakitani? Anini aka na hid'ani ch'alla inkurfefanne, ammo aka Yerusalemuti maro maqa Aabbo Yesoti duu kurfo jira jed'e.

14 Inni sosobamu dinnaani Fed'iini Aabbo ha taatu jenne galakimne.


Paulo Yerusalemu d'aqa

15 Eegi guyya suni nu miha keenna fud'anne Yerusalemu d'anne.

16 Jari Yeso ka gari, ka Kaisaria jiru, nu woliini yae, mana nama Yeso toko ka Nasoni jed'ani, ka lafa Kipro, ka nu sila woliini teennu, geese.


Hasaa Paulofi Yakobo

17 Yerusalemu d'umnaani, oboleyaani gammadaani nu bulchite.

18 Boriyya nu Paulo woliini yaane, fulla Yakobo d'anne; jaaroleeni ch'ufti achi jirti.

19 Duuba inni nagaya fuud'e, waan Waaqi jiddu gosa d'ibiti harka isatiini tolche hime.

20 Worri waan kana d'ageennaani Aabbo guddise waan isaani jed'ani, Oboleesa, atini ya argite, aka Yahudiini kunki heddu ta d'ugefatte jirtu, ammalle ch'ufti guddo Seera jabeesiti.

21 Waan worri d'agaye, atini Yahudi ch'ufa ta lafa gosa d'ibi keesa teetu, aka Seera Musa lakiftu barsiifte, ammalle aka atini worri ijoolle ufiti qabanqaba inqamne yokhaani aada gula iyaane barsiifte jed'ani.

22 Amma maani tolchu malani re? Worri aka atini d'ufte ind'agaya.

23 Atini duuba waan nu siti himnu tolchi. Nama afuri qamna, ka kakhate.

24 Worra fuud'i, worra woliini ufi qulqulleesi, hori aadaa baasi, aka worri mata haadatu. Duuba nami ch'ufti aka wonti waan kanke d'agayani suni woma intahiini inarga, ammo aka atini aada gula deemte Seera Musa guuttu.

25 Waan gosa d'ibi ta d'ugefatte, nu ya tatabe worraa t'aamne, herega keenna gula, aka worri sagale waan harkaani boch'ani qalaniifi d'iigafi waan hud'ani ijeesaniifi algalooma lagatani.

26 Jennaani Pauloni jara kaani fuud'e, boriyya worra woliini ufi qulqulleese, aka guyya qulqullefachaani isaa hobaate sorio worra suni ch'ufaafi qalani himu Mana Waaqa seene.


Qabisa Paulo Mana Waaqa keesa

27 Ato torbaani diquma inhobaiini, Yahudiini Asia Mana Waaqa keesati isa argite, jennaani gumi ch'ufa iti kaafte Paulo qabde waan jette,

28 D'iiro, gosa Israeli, nu qarqaara! Namichi kunini sunuma, ka nama ch'ufa fulla ch'ufati barsiisu, aka gosafi Seerafi Mana Waaqaa kana tuffatani. Ammalle nama gosa Griki Mana Waaqa kanaani d'ufe, fulla qulqullo tana t'ureese.

29 Wonti akanatiifi worri nama Efeso, toko, ka Trofimo jed'ani, Paulo woliini dira keesati argani, waan Pauloni Mana Waaqaa isa seensise sehani.

30 Nami dira suni ch'ufti iti kae, nami ch'ufti orie, Paulo qabani, Mana Waaqa keesaa hirkisani. Maro tokotu balbalti ch'ufamte.

31 Ato worri isa ijeesu fed'u, oduuni namicha gudda askarti geete, aka gohanti Yerusalemu ch'ufa keesa jirtu.

32 Inni maro tokotu askartiifi jara gugurda askarti fuud'e, gara worra suni oriani. Gudda askartitiifi askarti arginaani Paulo d'aanu lakisani.

33 Guddaani askarti iti d'iaate, Paulo qabe, Haada sibiila lamaani hid'a jed'e. Jennaani, Nami kuni eennu, maani yake? jed'e gaafate.

34 Gumi keesa nami gari aka toko iye, ka gari aka d'ibi iye. Hubachu dad'amnaani, Fulla askartiini bultu geesa jed'e.

35 Afaani balbala geennaani, askartiini maro dalansu gumitiifi Paulo hampaarte.

36 Gumiini guddooni isa gula yaate, Isa ijeesa jette iyite.


Pauloni ufii dubbata

37 Ato mana askartiti geesanu, Pauloni waan gudda askartitiini jed'e, Siini dubbachu fed'a. Inni, Afaani Griki dubbachu imbeeta? jed'e gaafate.

38 Atini eennu kana? Namicha lafa Misiri, ka onana nama kaase shifta kunki afuri lafa alo geeseeniti?

39 Ammo Pauloni waan isaani jed'e, Anini Yahudi, nama dira Tarsoti, ka lafa Kilikia keesa jiru; ammalle diri keenna gudda. Anini sii kad'ad'a aka anini biyya tanati dubbad'u.

40 Inni ee jennaani, Pauloni afaani balbala eje harkaani biyya ch'allisiise. Worri ch'allimnaani, inni afaani Ebraniatiini worrati dubbate waan jed'eeni:

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan