Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 17 - KITAABA WAAQA

1 Eegi worri Amfipolifi Apolinia keesa dabrani, Thesalonike d'ufani, fulla mani Waaqa iti kad'atani ka Yahudi jiru.

2 Pauloni akuma aada ufi jiddu worraa seene, guyya Sabato sadii waan dubbi Waaqa worra woliini hasae.

3 Inni diideese worra agarsiise, aka Yesoni gaargale duisa keesaa kau male, ammalle, Yesoni kunini ka anini isaaniti himu d'uguma Kristo worraani jed'e.

4 Nami gari d'ugefate, Paulofi Sila woliini yae; jara Griki ka Waaqa sodaatufi nad'eeni gurra qabdu hedduleeni d'ugefatte.

5 Ammo Yahudiini maro d'iibitifi nama hamama, ka aada dansa imbeenne wolti yaamte, nama dira ch'ufa wolti baafte mana Yasoni haate, aka akasiini yo dandaani, Paulofi Sila qabani gumi duraani d'ufani.

6 Ammo worra d'amnaani Yasonifi oboleyaani gari qabani, gara jara gugurda hirkisani, iyani waan jed'ani, Worri lafa ch'ufa garagalche kunini yayu armaaleeni bahe,

7 Yasoniti worra bulche. Ammalle worri kuni ch'ufti seera Kaisari ch'abse waan jed'u, Hayyu d'ibiti jira ka Yeso jed'ani.

8 Dubbi tanaani dira garagalchani gumifi jara gugurda ch'ufa jarjarsani.

9 Jaaroleeni Yasonifi jara kaani hori iraa fuunaani galakifte.


Lafa Beroya d'aqani hasaani

10 Maro tokotu oboleyaani Paulofi Sila halkaniini haga Beroya ergite. Worri d'umnaani mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude.

11 Worri lafa suni worra Thesalonike ira dansa. Dubbi Waaqa qalbi dansaani ch'aqasani, t'aafi guyya ch'ufa keesa barbaadani, aka wonti kunini d'uga ilaalani.

12 Duuba nami hedduuni d'ugefate, nad'eeni gurra qabdu ta gosa Yahudileeni d'ugefate, ammalle nami d'iiraleeni, hedduuni d'ugefate.

13 Ammo Yahudiini Thesalonike, aka Pauloni dubbi Waaqa Beroya keesati odeese d'ageennaani, achi d'ufte biyya iti kaafte.

14 Maro tokotu oboleyaani Paulo gara galaana ergite, ammo Silafi Timotheoni achumati hafani.

15 Worri Beroyati galisaa kae jennaani Pauloni aka Silafi Timotheoni hure gara isaa d'ufani worrati d'aame.


Hasaa Paulo dira Athene keesa

16 Ato Pauloni Athene keesati Silafi Timotheo eegu, aka diri suni waan harkaani boch'aniini guutame arge guddo lalefate.

17 Tanaafi mana Waaqa iti kad'atani keesati Yahudifi nama Waaqa sodaatu woliini hasae, dubbi mormeeni, ammalle guyya ch'ufa gabaya keesati worra gara isaa d'ufeeni hasae.

18 Jari woi beekhu toko, ka Epikureofi Stoiko jed'ani, isaani dubbi morme. Nami gari waan jed'e, Namichi daallichi kunini maani jechu jira? Ammo ka gari waan jed'e, Inni nama waan waaqoota ka nami imbeenne hasau jiru fakaata. Wonti worri akana jed'eefi waan Pauloni waan Yesotiifi waan kaisa isaa worrati hasaeefi.

19 Worri isa fuud'e, gara Areopago geesani waan jed'aniini, Barsiisa haraa atini nama barsiiftu tana d'agayu feena.

20 Atini dubbi mama nuti odeesita, tanaafi nu waan kana d'agayu feena jed'ani.

21 Nama Athentiifi keessumaani fulla suni d'ufte ch'ufti hojja ch'ufa woma intolchitu, waan haraa hasaani yokhaani ch'aqasani male.

22 Pauloni fulla Areopago ejate waan biyyaani jed'e, Worra Athene, aka isani guddo waan Waaqa hereddani yayu arge.

23 Ato anini dedeeme aada kad'acha teesani ilaalu, anini dubbi toko ta fulla isani sorio iti qalattani gubbati t'aafani arge, ta GARA WAAQA NAMI IMBEENNE jettu. Tanaafi waan isani ato imbeenne kad'attani suni anini isaniti odeesa.

24 Waaqi, ka lafafi waan keesa jira ch'ufa uume, waan inni Abba gubbafi lafa taheefi, mana harki nama ijaare keesa intau.

25 Yokhaani harki nama isa inyaachisu, aka waan inni wo fed'u. Wonti akanatiifi inni jireennafi hafuura nama ch'ufaa kenna.

26 Inni nama toko iraa gosa lafa ch'ufa keesa teetu uume, lafa ch'ufa keesa qubsise. Isumati qara bara gochiti suni teetufi seera lafale tolche.

27 Wonti inni akasi tolcheefi, aka Waaqa barbaadani aka sila isa argani beekhani. Ammo inni nu tokole iraa fago injiru;

28 akuma nami toko jed'e, Nu isa keesa yaane teteenne jireenna arganna. Akuma namichi keesani toko sirba keesa jed'e, nu ijoolle isaati.

29 Waan nu ijoolle isaa taaneefi, waan Waaqi aka worqi yokhaani aka saldaqa yokhaani aka d'akha nami harkaani boch'u jiru nu sehu himmalle.

30 Haga nami isa imbeenne kana ch'ufa Waaqi ya bira namaa dabre, ammo ammatana aka nami ch'ufti daba iraa deebiu fed'a.

31 Inni ya guyya tolfate, aka nama lafa jiru ch'ufa d'ugaani qoru, nama inni fohateeni. Inni ya nama kana duisa keesaa kaase, waan kana kara kanaani nama ch'ufaa d'ugeese.

32 Waan duisa keesaa kaiti d'ageennaani, nami gari goyeese, ka gari, Waan kana guyya d'ibi iti deebine sira d'ageenna jed'e.

33 Duuba Pauloni jiddu worraati kae deeme.

34 Nami gari isati mataqe d'ugefate, toko Dionisio jed'ani, nama goli Areopago, tokoleeni niiti toko ta Damari jed'ani, ammalle nami d'ibileeni ka worra woliini jiru d'ugefate.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan