Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 15 - KITAABA WAAQA

1 Jari Yudea toko d'ufe oboleyaani barsiise waan jed'eeni, Yo isani aada Musa gula qabanqaba qabattani male, baafamu indandeetani.

2 Paulofi Barnabani worraani wold'aqu dad'amnaani, worri aka Paulofi Barnabafi nami d'ibileeni Yerusalemu d'aqani, aka ergattufi jaarole waan kana gaafatani buufatani.

3 Duuba gummiini Waaqaa imaltu worra ergite; Foinikefi Samaria keesa dabrani, aka nami gosa d'ibi gara Waaqa deebie odeesani. Oduuni tuni guddo oboleyaani ch'ufa gammachiifte.

4 Yerusalemu geennaani, gumi Waaqatiifi ergattufi jaaroleeni worra d'ieesite, worri waan Waaqi harka worratiini tolche ch'ufa odeese.

5 Ammo Farisayooni gari ta d'ugefatte, kaate, Worri ha qabanqaba qabate Seera Musa guutu jette.

6 Duuba ergattufi jaaroleeni wolwoldeete aka waan kana ilaaltu.

7 Eegi dubbi guddo wolmormani, Petroni olkae waan worraani jed'e, D'iiro, oboleyaani isani imbeetani, aka gaafa qara Waaqi isani keesaa na fohate, aka afaani kiyyaani nami gosa d'ibi dubbi Odu Dansa d'agaye d'ugefatu.

8 Ammalle Waaqi ka garaa nama beekhu d'ugefacha worra arginaani Lubbu Qulqullo worraa kenne, akuma nuu kenne.

9 Ammalle nufi worra gargari inherenne, ammo maro d'ugefacha worraatiifi garaa worra qulqulleese.

10 Duuba maafi Waaqati gamtani, qaampara jara Yeso ira keetani, ka ababoota teennaafi nuleeni baachu indandeenne?

11 Nuleeni akuma worraa aka eeba Aabbo Yesotiini baafamnu d'ugefanna.

12 Gumiini ch'ufti ch'allifte Barnabafi Paulo ka akheekhafi waan mama ka Waaqi jiddu gosa d'ibii harka worraatiini tolche odeesu ch'aqafte.

13 Worri dubbi buufate jennaani Yakoboni waan jed'e, D'iiro oboleyaani na ch'aqasa!

14 Simonini ya aka Waaqi qara gosa d'ibi herege worra keesaa gumi maqa ufitiini fohatu odeese.

15 Dubbini raaga waan kanaani wolfakaatti. Akuma t'aafiini jettu,

16 Eegi waan kana anini deebie, Mana Daudi ka lafati jige ijaara; ammalle hoofa deebie olqabe, maro lameeso ijaara.

17 Aka nama d'ibi ch'ufaafi nami gosa ch'ufa, ka maqa kiyyaani yaamani, Aabbo barbaadu.

18 Aabbooni, ka duri waan kana ch'ufa nama beesise akana jed'a.

19 Tanaafi wonti anini heregu tana: Nu worra gosa d'ibi ka Waaqati deebie gaargalchu himmalle.

20 Ammo nu tatabe d'aamsa nagaya worraa t'aamna, aka worri sagale waan harkaani boch'ani baasani dide, algalooma ira ufi d'owe, waan hud'ani ijeesani yokhaani d'iigale lagatu.

21 Wonti akanatiifi Musani haga duriiti nama dubbi isaa hasau qaba, dira ch'ufa keesa; ammalle guyya Sabato ch'ufa maneeni Waaqa iti kad'atani keesati soomani.


Tatabe ta gara gosa d'ibi t'aafani

22 Jennaani ergattufi jaarolefi gumiini ch'ufti ee jette, worra gugurda gumi Waaqaa keesaa nama ufi fohate Antiokiati ergite, Paulofi Barnaba woliini: toko Yuda ka Barnaba jed'ani kaaleni Sila.

23 Tatabe tana t'aafani harka worrati kennani waan jed'ani: Nu ergattufi jaaroleeni, oboleyaani teesani, nagaya oboleyaani gosa d'ibi ta Antiokiatiifi ta Shamutiifi ta Kilikiati ergina.

24 Nu aka jari armaa yae toko dubbini isani gaargalche lubbu teesani yaku fed'e ya d'ageenne; ammo nu seera akana kana worraa inkennine.

25 Nu garaa tokooni wolwoldeenne, aka nama fohanne jaalaani teenna Barnabafi Paulo woliini isaniti erginu buufanne.

26 Jari suni jara waan lubbu ufi inherenne, maro maqa Aabbo keenna Yeso Kristotiifi.

27 Tanaafi nu Yudafi Sila ergine, aka afaani ufitiini isaniti himani.

28 Lubbu Qulqullofi nuleeni baa d'ibi isani ira kayu imfeenu, waan tolchu malani male:

29 sagale waan harkaani boch'ani baasani inyaatiina; d'iigafi waan hud'ani ijeesaniifi algalooma lagad'a. Yo isani waan kana ch'ufa lagattani waan dansa tolchitani. Nagayaati taa.

30 Worri kae yae Antiokia d'ufe, gumi wolti yaamani tatabe iti kennani.

31 Eegi soomani, maro dubbi nama jabeesitu sunitiifi gammadani.

32 Yudafi Silani, waan raagoota tahaniifi, dubbi hedduuni oboleyaani jabeesani gorsani.

33 Eegi worri diqo fulla suni tae, oboleyaani nagayaani worra gadi d'iifte, aka gara d'ufanifiti dachaani. [

34 Ammo Silani achi tau fed'e.]

35 Paulofi Barnabani Antiokia keesa taani, dubbi Aabbo barsiisani nama d'ibi heddu woliini hasaani.


Paulofi Barnabani gargari bahani

36 Eegi bulti diqo toko Pauloni waan Barnabani jed'e, Gara oboleyaani teenna, ta dira nu dubbi Waaqa iti hasoomne ch'ufu keesa jirtu, dachaane waan worri keesa jira ilaalu male.

37 Barnabani Yohana, ka Mariko jed'ani, ufi gula fuud'u fed'e.

38 Ammo Pauloni aka isa fuud'ani imfeene, maro inni Pamfiliati worra lakise worra woliini huji tolchu dideefi.

39 Worri guddo wolmorme gargari bahe. Jennaani Barnabani Mariko fuud'e haga Kiproni hobolooni d'aqe.

40 Ammo eegi oboleyaani aka inni eeba Aabbo argatu Waaqa kad'ateefi Pauloni sila fuud'e iti d'aabate.

41 Inni Shamufi Kilikia keesa dabre gumi jabeese.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan