Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Huji Ergattu 14 - KITAABA WAAQA

1 Akuma suni Ikonio keesati worri lachu mana Waaqa iti kad'atani ka Yahudi olduude, ammalle maro dubbi worraatiifi gumiini guddooni ta Yahuditiifi ta Grikileeni d'ugefatte.

2 Ammo Yahudiini ta d'ugefachu didde, nama gosa d'ibi wolti nat'e, qalbi oboleyaani wolti yakite.

3 Ergattuuni guyya heddu achi teete, waan Aabbo soda male dubbatte; ammalle Aabbooni dubbi eeba ufii d'ugeese, akheekhafi waan mama harka worraatiini tolche.

4 Biyyiti dira suni gargari qoodamte, ta gari Yahudiini wold'at'e, ammo ta gari ergattuuni wold'at'e.

5 Jennaani nama gosa d'ibitiifi Yahudiini, jara gugurda isaani woliini, wold'at'e, ergattu gaargalchite d'akhaani had'u feete.

6 Ergattuuni waan kana d'ageennaani, haga Listrafi Derbe, dira lamaani toko, ka lafa Likaonia keesa jiruufi lafa iti aantule iti baqatte.

7 Odu Dansa achiti odeesite.


Listra d'aqani hasaani

8 Fulla Listra nama tokoti jira, ka haga d'alate dandae olinkaane, ka miili naafa.

9 Inni Paulo dubbatu d'ageennaani, Pauloni isa sonaani ilaale, aka inni d'ugefacha fayyifamuuni qabu arge,

10 qonqo olfud'ate waan jed'eeni, Miilaani olejad'u! Namichi kaani olch'ee miilaani deeme.

11 Biyyiti waan Pauloni tolche arginaani qonqo olfud'atte, afaani Likaoniatiini waan jette, Waaqooti hedduuni ya nama fakaate nuti gadi buute!

12 Worri Barnabani Zeu jed'e, Pauloni Herme jed'e. Wonti akanatiifi guddaani hasaa Paulo.

13 Jennaani qaalluuni Zeu, ka mani isaa dira bira jiru, sangafi daraara balbala diratiini d'ufe, biyya woliini sorio qalu fed'e.

14 Paulofi Barnabani waan kana d'ageennaani, woya ufii tatarsaasani, jiddu biyya oriani iyani waan jed'ani,

15 D'iiro, isani maafi waan akana kana tolchitani? Nu namuma aka keesaniti! Nu Odu Dansa isaniti hasoomna, aka waan kana ka woma intahiini iraa deebitani, gara Waaqa jireenna ka gubbafi lafafi galaanafi waan keesa jira ch'ufa uume deebitani.

16 Inni duri aka gochiti ch'ufti aada ufi gula yaate iti lakise.

17 Taatule inni waan isa d'ugeesa taka ind'amne ammo waan dansa tolche, isanii roobe, mid'aani isanii kenne garaa keesani sagalefi gammadaani quufsa.

18 Yo dubbi tana dubbatanile biyyiti diquma sorio ergattuti inqaliini, ergattuti dide male.

19 Yahudiini Antiokiatiifi ta Ikonio d'ufte biyya sosobde, Paulo d'akhaani haate, dira keesaa hirkifte, waan inni due seete.

20 Ammo ato gumiini d'ugefatte isa marsitu, inni olkae dira olseene, boriyya Barnaba woliini gara dira Derbe d'aqe.


Antiokia deebiani

21 Eegi worri dubbi Waaqa dira suni keesati hasae nama heddu barsiise, worri Listrafi Ikoniofi Antiokiati deebie,

22 garaa worra d'ugefate jabeese aka d'ugefacha keesa taani gorse waan jed'e, Nu gaargala guddaani Finna Waaqa argachu malle.

23 Gumi ch'ufa keesa jaarole fohatani, ufi agabsani, Waaqa kad'atani, harka Aabbo ka worri d'ugefate keesati lakisani.

24 Pisidia keesa dabrani Pamfilia d'ufani.

25 Eegi dubbi Waaqa Perge keesati hasaani, Attaliati gadi buani.

26 Achi kaani hobolo keesa duudani, Antiokiati dachaani, fullaani tunini fulla qara worra harka ira kayani eebbisani, Beena huji Waaqa hojad'a jed'aniini ergani. Huji suni worri hobaamnaani gale.

27 Worri d'ufnaani gumi wolti yaamani, worri waan Waaqi harka worraatiini tolche ch'ufa odeese ammalle aka inni balbala d'ugefacha gosa d'ibile bane odeesani.

28 Duuba guyya heddu jara d'ugefate suni woliini taani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan