Hosea 5 - KITAABA WAAQA1 Isani qaalole, d'agaya! Isani worra Israeli, d'agaya! Isani worri hayyuleeni ka sila d'uga gula dubbi qoruu male — qorsumaani suni taka tana isanii indeebiti! Isani dira Mizpati nama qabdani, gaara Taboriti t'urura namati taatani, 2 ammalle boola qile Dira D'adachati taatani; tanaafi anini isani illakisu woi isani tolcha. 3 Anini aka worri Israeli jiru imbeekha; worri dandae na ind'okhatu. Worri naraa gore ufi t'ureese na kad'achu himmalle. Aka kad'acha waaqoota d'ara nama seerani 4 Hujiini hamtuuni worri hojate worra Waaqaati deebiu d'owarti. Worri sharmut'oma ch'alla gula bahe AABBO Waaqa wollaala. 5 Ufi saaduuni Israeli ya Waaqa durati diida gabaate. Dabi worraa worra gufachiise buuse, worri Yudaleeni worra woliini jiga. 6 Worri loonifi ree fud'ate AABBO Waaqa sorio baasu d'aqa, ammo sorioni sunileeni woma keesa injirtuufi. 7 Worri ya AABBO Waaqa iraa gore, ilmaani isaanileeni ta isaatiniti. Tanaafi amma nyaapi d'ufe worraafi lafa worrale balleesa. Had'iisa Yudafi Israeli jiddu jiru 8 Magalata lolaa Gibea keesati d'aa! Rama keesaleti arrifad'a! Bethaveni keesaleti, Nyaapi ya d'ufe jed'a, iyya! Had'iisa kurfefad'a, worra gosa Benjamini. 9 Guyyaani gaargala ind'ufa, ka Israeli balleesani. Worra Israeli, dubbini tunini inhanqattu! 10 AABBO Waaqi waan jed'u, Waan jaaroleeni gosa Yuda worra Israeli haate lafa iraa fud'ateefi, anini ya dallane, tanaafi anini dallansu tiyya aka lolaa worrati fach'aasa. 11 Worri Israeli ya gaargale; worri ya lafa ufii kara d'araatiini d'abe, waan worri nama qarqaarsa worraa kennu indandeenne qarqaarsa kad'ateefi. 12 Duuba anini Israeli badi iti buuse worra Yudale balleesa. 13 Worri Israeli fayyad'aba ufii beennaani yokhaani Yudaleeni mada ufii arginaani lafa Ashuru d'aqani hayyu worraa gudda qarqaarsa kad'atani, ammo inni worra fayyad'abafi madale fayyisu dad'abe. 14 Anini worra Israelitiifi ka Yuda aka nyeench'a had'a. Anumati worra gargari tatarsaase biraa deema. Hojja anini lafa ira worra hirkisu, nami na d'owu injiru. 15 Anini deeme fulla tiyyati deebia, haga worri wollaala ufii arge na barbaaduti. Hegeri worri gaargala ufii keesa na barbaada. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya