Hosea 14 - KITAABA WAAQA1 Ee Israeli, AABBO Waaqa keesaniti deebia, dabi keesani ya gufachiise isani buuse. 2 AABBO Waaqati deebia, dubbi dansaani waan jettaniini, Ch'ubbu teenna ch'ufa nuu araarami, kad'acha teenna ch'ufa nuu d'agayi, duuba akuma qara jenne kaani si faarsina. 3 Worri Ashuru dandae nu imbaasu, ammalle fardi lolaleeni dandae woma nuraa ind'owu. Nu iti deebine waan harka keennaani boch'ine waaqa jenne inkad'annu. Ee AABBO Waaqa, nami hiyyeeyiini naasu iraa argatu siuma. Aka AABBO Waaqi finna d'ibi Israelii kennu 4 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini worra fayyise deefad'e, garaa kiyya ch'ufaani jaalad'e, iti deebie worrati indallanu. 5 Anini aka bokaya lafa aloo worra Israeliti taha. Worri akuma hooma daraare, aka mukha Lebanoni hiddi jabaata. 6 Worri aka mukha lafa keesa d'alatu bahe, aka mukha ejersa mid'aage aka hind'eesa Lebanoni urgaa. 7 Worri deebie gaadisa kiyya jala tae, aka oobru wo baasa. Aka mukha zabibu daraare, aka daad'i Lebanonnoni gurra baafata. 8 Worri Israeli amma tana waaqoota d'ara maani iraa qaba? Anini kad'acha worraa d'agayeefi worra qorqorad'e, aka mukha doti worra gaadiseesa. Hormaati worraa ch'ufti naraa d'ufa. Dubbi eegee 9 Nami qalbi qabu ha dubbi tana hubate, nami qaroleeni ha beekhuti. Karaani AABBO Waaqaa qajeela, nami qajeelani kara suni gula deema, ammo nami daba keesati gufata. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya