Galatia 6 - KITAABA WAAQA1 Oboleyaani tiyya, yo nami ato imbeekhiini wollaala seene, isani worri Lubbu Waaqa qabu ha isa qajeelchuuti; ammo kara laanatiini tolchu malani. Ufi tissi, aka atileeni ilaalacha keesa inseenne. 2 Ulfinna woli baad'a, kara kanaani seera Kristo guuttani. 3 Yo nami woma intahiini wo ufi sehe, inni ufi daalleesu jira. 4 Nami ch'ufti huji ufi laalu male. Yo dansa taate, ha waan tolcheeni ufi guddisuuti, ato waan nami d'ibiini tolcheeni wolbira inqamne. 5 Wonti akanatiifi nami ch'ufti baa ufi baachu male. 6 Nami dubbi Waaqa barsiisani ha waan dansa qabu ch'ufa nama isa barsiiseeni gahuuti. 7 Ufi insobina: nami tokoleeni dandae Waaqa indaalleefatu. Nami ch'ufti waan oobre murata. 8 Yo inni waan nafi isaa fed'u ch'alla oobrate, duisa murata. Yo inni waan Lubbuuni feetu ch'alla oobrate, Lubbu suni ira jireenna hegeri argata. 9 Tanaafi waan dansa tolchu dad'abu himmalle; wonti akanatiifi yo nu indad'amne, hojjaani nu murannu ind'ufti. 10 Tanaafi haga qoomni qamnu nama ch'ufaa waan dansa tolchu malle, keesuma worra d'ugefacha aka teenna qabu. D'aamsa eege 11 Aka anini harka kiyyaani gugurdise t'aafu ilaala! 12 Worra ufi guddisu fed'u, ka waan mullatatiini kiyyibuuti, qabanqaba isanii qabu fed'a. Wonti worri akasi tolchuufi aka maskali Kristotiifi ingaargalle. 13 Worri qabanqaba qabatule seera gula iyau, worri aka isani aada q qabanqaba tana qabattani fed'a, aka akasiini aada nafa ta isani tolfatani tanaani, ufi korsu. 14 Ammo, anini waan maskali Aabbo Yeso Kristo ch'alla saada; maskali tanaafi lafti gara kiyyaani doote, anileeni gara lafaatiini due. 15 Qabanqaba woma keesa injirtu. Wonti fed'ani uumama haraa. 16 Worri aada tana gula yau, nagayafi naasuuni ha worra woliini teetu, worraafi gumi Waaqa ch'ufale! 17 Armaa achi, nami tokoleeni na ingaargalchiini; wonti akanatiifi gadaanisi nafa kiyya aka anini tisse Yeso agarsiisa. 18 Eebiti Aabbo keenna Yeso Kristo isani ch'ufa woliini jiraatinna, oboleyaani tiyya. Amini. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya