Galatia 5 - KITAABA WAAQA1 Nu balchooma inqamna, Kristoni ya balcha nu tolche! Aka balcha ejaanja, iti deebitani tisse intahiina. 2 Ch'aqasa! Anini, Pauloni, waan kana isaniti hima: yo isani qabanqaba qabattani, Kristoni woma isanii imbahu. 3 Waan kana anini jabeesu fed'a, aka nama qabanqaba qabatu ch'ufati himu: nami suni Seera ch'ufa gula deemu male. 4 Isani, worri Seeraani aka d'uga hereganiifi feetani, la Kristo iraa ufi kuttani. Isani eeba Waaqa ira ala jirtani. 5 Nu inhereganna aka Waaqi d'uga nuu heregu; nu waan kana eeganna, jabeenna Lubbu Waaqa ta d'ugefacha teenna keesa hojattu suniini. 6 Wonti akanatiifi yo nu Kristo Yeso keesa jiraanne, qabanqaba qabachafi qabachu baannaanile haga tokotu; wonti jabduuni d'ugefacha ta jaalalaani hojattu. 7 Isani qara waan dansa tolchitani! Eentu d'ugaa guutu isani d'owe? Inni akamiini isani sobate? 8 Waaqi ka isani yaame akasi intolchine. 9 Bukho diqo tokoti sagale guddo bukheesa jed'ani. 10 Ammo anini guddo Aabbo keesa isani d'ugefad'a, aka isani waan d'ibi inherenne; ammalle nama isani gaargalchu, abba fed'u taanaanile, Waaqi ingaargalcha. 11 Ammo oboleyaani tiyya, yo anini Qabanqaba qabachu maltani jed'e barsiise, maafi ammalle na gaargalchani? 12 Yo sila worri isani gaargalchu ufi kolaase ira dansayu! 13 Oboleyaani tiyya, isani aka balchaa taataniifi isani yaamani. Ammo d'araani nafa keesani balchooma dabsatte isani imohatiini. Ammo jaalalti woli isani hojachiisiina. 14 Seeri ch'ufti Seera kana keesa jira: nama ch'ufa aka ufi jaalattu jaalad'u. 15 Ammo yo isani aka bineensa taatani wolhaatani, eegad'a, yokhaani wolballeesitani. Huji nafatiifi huji Lubbu Waaqa 16 Wonti anini jed'u tana: Lubbuuni ha isani qajeelchituuti, d'araani nafa keesani isani imohatiini. 17 Wonti nafi keenna fed'u waan Lubbuuni feetuuniti; waan Lubbuuni feetule nafi imfed'u: worri wolii nyaapa, tanaafi waan tolchu feetani dandeetani intolchitani. 18 Yo Lubbuuni isani qajeelchite Seera jala injirtani. 19 Wonti nafi fed'u diiduma teeti: wolbaraachafi t'urifi huji hamtu; 20 falfalumafi waan harkaani boch'ani kad'atani. Nami nyaapa wolti tahe wolhad'e, wolqot'isani, wolti dalanani, ufo tahani, gargari woli qoodani, 21 wolmorkani, farso d'ugani machaani, wolballeesani, waan hamamtu akana heddu tolchani. Anini amma isani gorsa akuma duri tolche: nami waan akana kana tolchu Finna Waaqa inargatu. 22 Ammo Lubbuuni jaalalafa, qilit'amafa, nagayafa, obsafa, naasufa, d'uga gula deemitifa, dansoomafa, 23 ufi diqeesitifi ufi qorqoracha d'alti. Wonti kuni tokoleeni seera inqabdu. 24 Worri Kristo Yeso gula yau ya nafa ufi ijeese, d'araafi fed'i isaa ch'ufa woliini. 25 Lubbuuni ya jireenna nuu kennite; jireenna keennale qajeelchu malte. 26 Nu ufi saadu himmalle, woldalansiisu himmalle yokhaani wolqot'isule himmalle. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya