Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Galatia 3 - KITAABA WAAQA

1 Isani worri Galatia guddo daalle! Entu isani falfale? Aka Yeso Kristoni maskali gubbaa due! Isani ya iluma teesaniini agartani.

2 Waan toko ch'alla nati hima: Seera guunnaani Lubbu Waaqa argatani mo, Odu Dansa d'ageetani d'ugefannaani argattani?

3 Akami akana daallooftani? Qara Lubbu Waaqaatiini iti keyattani; akamiini jabeenna keesaniini hobaaftani?

4 Wonti isani barattani tokoleeni woma isanii imbaane? D'uguma, ya wo isanii baate!

5 Hojja Waaqi Lubbu ufi isanii kenne waan mama jiddu teesaniti tolchu, inni maro isani Seera guuttaniifi waan kana tolcha mo waan isani Odu Dansa d'ageetani d'ugefattaniifi tolcha?

6 Akuma t'aafiini waan Abrahamu dubbatte waan jettu: Inni Waaqa d'ugefannaani maro d'ugefacha isaatiifi Waaqi d'uga heregeefi.

7 Isani hubachu maltani aka worri d'ugefacha qabu ch'ufti d'aloota Abrahamu.

8 T'aafiini, aka Waaqi d'ugefachaani gosa d'ibi d'uga hereguufi duru argite, jennaani t'aafiini Odu Dansa duriyu Abrahamu barsiifte waan jette, Maro teetiifi Waaqi nama lafa jiru ch'ufa eebisa.

9 Abrahamuni d'ugefateti eeba argate; tanaafi nama d'ugefatu ch'ufa akuma isaa eebisani.

10 Worri Seera guutiti heregatu ya abaarame. Wonti akanatiifi t'aafiini waan jettu, Nami waan Seera keesati t'aafani ch'ufa gula indeemne ya abaarame jetti.

11 Nama dandaani Seeraani, Waaqa durati, d'uga inhereganiifi, tuni dare inqabdu; wonti akanatiifi t'aafiini, Nami d'ugefachaani d'uga hereganiifi injiraata jetti.

12 Ammo Seeri d'ugefacha imfed'u. Taatule akuma t'aafiini jettu, Nami waan Seeri jed'u ch'ufa guutu sunumaani jiraata jetti.

13 Ammo Kristoni, ufi abaarsa nu tahe, abaarsa Seeri nutiini d'ufu jala nu baase. Akuma t'aafiini jettu, Nami mukha irati fannisani ya abaarame.

14 Wonti Kristoni waan kana tolcheefi aka eeba Waaqi Abrahamu kakhate, maro Yeso Kristotiifi gosa d'ibilee kennani, ammalle aka nuleeni maro d'ugefachatiifi Lubbu Waaqi kakhate arganu.


Waan Seeratiifi khakhu Waaqa

15 Oboleyaani me, fakeenna kanaani hubad'a: Yo nami lama woi ira wold'aqe tatabe gubba t'aafani, nami tokoleeni dandae wold'aqisa suni inch'absu, yokhaani iti indaru.

16 Waaqi kakhu ufi Abrahamufi ilma isaati khakhate. Ilmaani isaa injettu, ammo Ilmuma kanke jetti, akasi jechaani nama toko ch'alla, Kristo, jechu.

17 Wonti anini jechu fed'u tana: Waaqi wold'aqisa tolche aka guutu kakhate. Seeri ka ganna d'ibba afuritifi sodoma eegi suni d'ufe dandae wold'aqisa balleesee kakhu Waaqa guutamu ind'owu.

18 Wonti akanatiifi yo d'aalti Seeraani taate, yoosi kakhuuni intaatu. Taatule Waaqi Abrahamuti kenne, waan inni isaati kakhateefi.

19 Seera maafi kennani re? Aka wollaalaani agarsiisanifi iti darani ammalle Seeri haga ilmi Abrahamu ka iti kakhatani immullatini ch'alla jira. Seera amma nama jiddu jiru kana harka malaikatini nama kennani.

20 Ammo nama jiddu suni imfed'ani, yo nami toko ch'alla jiraate. Tokochi suni Waaqa.


Waan Seera Waaqa kennaniifi

21 Wonti kunini aka Seeri khakhu Waaqaatiini morku agarsiifti? Hiyyo, akasiiniti! Wonti akanatiifi yo Seera nama jireesu namaa kennani, nama dandaani Seeraani d'uga hereganiifi.

22 Ammo t'aafiini, Lafti ch'ufti jabeenna dabaa jala jirti yayu jette, aka worri d'ugefatu galata worra Yeso Kristo d'ugefatuuti kakhatani argatu.

23 Ato hojjaani d'ugefacha ingahiini, Seeri nuu ch'ufa hid'e, haga d'ugefacha mullisaniti.

24 Tanaafi gaafasi Seera suniti nu qorqorate, aka haga Kristoni d'ufuuti nu barsiisu, aka d'ugefachaani d'uga nuu heregani.

25 Ammo amma d'ugefachaani ya d'ufte, nu barsiisa suni jala injirru.

26 Wonti akanatiifi maro d'ugefachatiifi isani Yeso Kristo keesa ilmaani Waaqa taatani.

27 Isaniini ch'ufti ka Kristo keesati batisani ya Kristo aka woya uyifattani.

28 Tanaafi Yahudifi gochiti d'ibileeni takuma tisseefi balchaleeni takuma, d'iirafi nad'eenileeni takuma; Kristo Yeso keesati nami ch'ufti taka.

29 Yo isani ka Kristo taatani, isani d'aloota Abrahamuti, waan Waaqi kakhate inargattani.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan