Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 99 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi hayyu; gochiti ch'ufti ha hollatuuti. Inni waan lubbu qaba, ka koola gubba barch'uma isaa ira tae, jennaani lafti ch'ufti chochote.

2 AABBO Waaqi Sioni keesa guddinna qaba: inni gosa ch'ufa ira jira.

3 Nami ch'ufti ha maqa isaa gudda jaba faarsuti; inni qulqullo!

4 Ee Hayyu gudda, atini waan d'uga jaalate, Israeli keesa d'uga suni jabeesita; atini d'ugaafi qajeeluma lafaani d'ufte.

5 AABBO Waaqa keenna faarsa, barch'uma isaa dura koota, isaa kad'ad'a! Isumati qulqullo!

6 Musafi Harunini qaalole isaati, Samuelini nama maqa isaa yaamate; worri AABBO Waaqa yaamate, inni worra jalaa owaate.

7 Inni baaldo dumansa keesa, worraani dubbate, worri aadaafi seera inni kenneefi guute.

8 Ee AABBO Waaqa keenna, atini gumi tante jalaa owaate, aka atini Waaqa woi namaa araaramu garsiifte, ato maro ch'ubbu worraatifi worra gaargalchitele.

9 AABBO Waaqa keenna faarsa, gaara isaa qulqullo irati isa kad'ad'a! AABBO Waaqi keenna qulqullo.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan