Faaru 98 - KITAABA WAAQA1 Sirba hareesa Waaqaa sirba, maro inni waan mama tolcheefi! Inni harka isaatiifi irre isaa qulqullooni ya waan ch'ufa dabsate. 2 AABBO Waaqi aka nama dabsate biyyati odeese, jabeenna inni namaani baasu gosa ch'ufaati hime. 3 Inni kakhu gumi Israeliti kakhate, jaalala isaa ta ind'umanneeni jabeese guute. Nami lafa keesa jiru ch'ufti yayu aka Waaqi keenna woi dabsate arge. 4 Lafti ch'ufti ha gammade AABBO Waaqa sirbitu. Sirbaafi faaru gammadatiini isa faarsitu! 5 AABBO Waaqa faarsa! Kiraari d'aa, isa faarsa! 6 Fulludofi magalata d'aa, AABBO Waaqa, hayyu keennaa, gammadaa sirba. 7 Baariinifi wonti keesa jira ch'ufti ha dibbiftuti; lafafi nami keesa tauleeni ha sirbuti. 8 Galaana ch'ufa, harka d'aa, kubile, gammada, AABBO Waaqa durati woliini sirba. 9 Wonti akanatiifi inni d'ufe lafa fida, inni gosa lafa keesa jirtu ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya