Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 97 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi lafa fida! Laftileeni ha gammaddu! Lafti afaani baariini jirtu ha gammaduti!

2 Dumansaafi dukanti isa marsiti; inni d'ugaafi qajeelumani lafa fida.

3 Ibidi isa dura deeme, nyaapa isaa ka isa marse guba.

4 Angaasuuni isaa angaate lafati ifsiti; laftileeni isi agarte jennaani hollatte.

5 Gaareeni aka haanch'a AABBO Waaqa abba lafa ch'ufa durati bat'i.

6 Gubbaani d'uga isaa odeesite, akasiini gochiti ch'ufti guddinna isaa agarti.

7 Nama waaqoota d'ara kad'atu ch'ufa inch'eersani; waaqooti ch'ufti d'ufte AABBO Waaqa durati gajejeti.

8 Worri Sioni gammade, diri Yudaleeni qilit'ama, maro qorsuma tanteetitifi ee AABBO Waaqa,

9 Ee AABBO Waaqa gudda, atini lafa ch'ufa fida; atini waaqoota d'ibi ch'ufa ira jirta.

10 AABBO Waaqi nama waan hamtu jibbu injaalata; inni lubbu gumi isaa jabeese qorqorate, harka worra ch'ubbuu jalaa baasa.

11 Ifsaani nama d'ugaati ifse, nami qajeelaleeni gammada argata.

12 Maro waan AABBO Waaqi tolchetiifi, isani worri d'ugaa gammada galata deebisaafi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan