Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 96 - KITAABA WAAQA

1 Sirba haareesa AABBO Waaqaa sirba! Lafti ch'ufti ha AABBO Waaqa faarsitu!

2 AABBO Waaqaa sirba, isa faarsa! Guyya ch'ufa, aka inni nu baase, ha odeesani.

3 Guddinna isaa gosa ch'ufati odeesa, huji isaa ta mama gosa ch'ufati hima.

4 AABBO Waaqi gudda, isa guddisani faarsuu malani; waaqoota ch'ufa ira isaa sodaachuu malani.

5 Waaqooti gosa d'ibi taani ch'ufti waan harkaani mid'aasani, ammo AABBOONI ka gubba uume.

6 Guddinnaafi ulfinni kama isaati, jabeennaafi mid'aagumti fulla inni tau jirti.

7 Isani nami lafa ch'ufti, guddinnaafi jabeenni ka AABBO Waaqa jed'a.

8 Guddinni waan maqa AABBO Waaqati malle jed'a; waan baasu maltani baasafi, Mana isaa keesa isaa duraani koota.

9 Hojja Waaqi qulqullooni d'ufu, isa durati ga jed'a; lafti ch'ufti ha isa durati hollatuuti!

10 AABBO Waaqi Hayyu jed'a, gosa ch'ufaati odeesa! Lafa fulla iti uumani jirtu dandani inch'oosani; inni nama ch'ufa d'uga gula qora.

11 Lafafi gubbaleeni ha gammadu! Bisaani baariinitifi wonti iti gala ch'ufti ha dibbiftu;

12 oobrufi wonti keesa jira ch'ufti ha gammaduti! Duuba mukeeni badda ch'ufti gammade,

13 AABBO Waaqa durati sirbiti, gaafa inni lafa fidu d'ufu. Inni nama lafa keesa jiru ch'ufa d'ugaafi qajeelumani fida.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan