Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 95 - KITAABA WAAQA

1 Koota, AABBO Waaqa faarsina! Waaqa nu baase gammadaani sirbina!

2 Koota isa dura d'umne, galata deebimneefi, gammanne, sirbine isa faarsina.

3 Wonti akanatiifi AABBO Waaqi Waaqa gudda, inni hayyu gudda, ka waaqa d'ibi ch'ufa ira jiru.

4 Inni lafa ch'ufa fida, godaafi gaareeni gugurdoni ch'ufti tama isaati.

5 Inni baariinifi lafale harka ufiitini uume fida.

6 Koota, isa durati gajenne kad'anna, AABBO Waaqa nu uume durati jilbifanna!

7 Wonti akanatiifi inni Waaqa keenna, nuleeni gumi inni qorqoratu, hooliye inni tisse nyaachisu. Arra dubbi inni jed'u tana ch'aqasa:

8 Akuma ababooti teesani duri lafa gamooji ta Massa keesa Maribati taate taatani garaa injabatina.

9 Achiti worri nati game na ilaalate ato waan anini worraa tolchu qara argele.

10 Ganna afurtama anini d'aloota suni jibbe waan jed'eeni, worri kunini mata jajaba, seera kiyya inguutu.

11 Tanaafi anini dallane, kakhad'e waan jed'eeni, worri kunini boqota anini worraa kurfeese haguma jiru inargatu.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan