Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 94 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, atini Waaqa nyaapa ufii haalo baafatu; dallansu tante garsiisi!

2 Atini nama nama ch'ufa qoru; kai, waan kiyyiba malle kennifi!

3 Ch'ubbichi haga yoomi gammada? Ee AABBO Waaqa, haga yoomi qilit'ama?

4 Nami hamaani haga yoomi hameenna ufi ka tolcheeni kooru lakisa?

5 Ee AABBO Waaqa, worri gumi tante gaargalche, nama kanke ch'ufa dabsa.

6 Worri hiyyeeyifi haad'a hiyyeesa fit'e, nama gosa d'ibi, ka lafa teenna keesa taule, hobaase.

7 Worri waan jed'u, AABBO Waaqi nu inargu, Waaqi Israelileeni waan keenna inhubatu.

8 Gumi tiyya, isani akami daallooftani woi wollaaltani? Isani yoomi woi barattani?

9 Waaqi ka gurra nuu kenne, woi ind'agayu? Inni ka ila nuu kenne lafa inargu?

10 Inni ka gosa ch'ufa harkaa qabu, worra d'aane inqajeelchu? Inni ka nama ch'ufa barsiisu, qalbi inqabu?

11 AABBO Waaqi waan nami heregu imbeekha; aka heregi namaa woma imbaanele inuma beekha.

12 Ee AABBO Waaqa nami atini qajeelchite Seera kanke barsiiftu akami ayyaana qaba!

13 Atini gaargala jalaa isa baafta, haga boola qotani ch'ubbicha keesa buusaniti.

14 AABBO Waaqi gumi ufii illakisu, yokhaani nama ufii lafa imbuusu.

15 D'ugaani gaadisa korati deebite, nami d'uga qajeelani ch'ufti isi gula deema.

16 Eenuti ch'ubbicha dide wahela naa tahe? Eenuti nama hama jibbe goli naa tahe?

17 Ato AABBO Waaqi na qarqaaru baate, anini sila yoona dueti boola keesa jira.

18 Anini waan jed'e, much'uch'ad'eti jigu jira. Ammo ee AABBO Waaqa, jaalala tante ta ind'umanneeti oli naqaba.

19 Yo heregi na qabate, qalbiini tiyya waan heddu yaadde, atini na gammachiifte garaa na jabeesita.

20 Atini jaarole gumbo nyaate, dubbi d'ara d'uga tolchite,

21 nama dansaati malate, nama woma iyyakini ijeecha iti murtu, diqole jaalate iwahelchituufi.

22 Ammo AABBO Waaqi ya na dubbate Waaqi kiyya ya siida na tae na qorqorate.

23 Inni maro dabaafi ch'ubbu worraatifi worra gaargalche balleesa; AABBO Waaqi keenna lafa ira worra balleesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan