Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 92 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, aki galata si deebisani akami dansa! Ee Waaqa gudda, aki maqa kanke faarsanileeni waan akami dansaa.

2-3 Hojja jaalala tante ta ind'umanne guyya ch'ufa waan isii odeesani, d'uga tante halkani ch'ufa kiraariifi miha sirba d'ibi d'aani faarsani akami dansa.

4 Ee AABBO Waaqa, hujiini tante jabduuni ya na gammachiifte; maro waan atini harka kanketiini tolchiteefi anini gammade sirba.

5 Ee AABBO Waaqa, hujiini tante akami jabdu! Heregi kanke akami gudda!

6 Waan kana daalleeni imbeetu, gowaani inhubatu:

7 ch'ubbichi, ato aka marra bahe, nami hamaani woi horatele, worra haga jiru jireenna balleesani,

8 ammo ee AABBO haga jiru jireenna si guddisani.

9 Nu imbeenna, nyaapi kanke ch'ufti inhobaa, nama ch'ubbu tolche ch'ufa imballeesani.

10 Atini yayu jabeenna aka gafarsa naa kennite, na eebifte na gammachiifte.

11 Anini yayu nyaapa kiyya ka dabsatani arge, iyyanna worra ch'ubbule d'agaye.

12 Worri d'ugaa qajeelani aka meet'i bahe, aka hind'eesa Lebanoni guddata.

13 Worri sunini mukha Mana AABBO Waaqa keesati bahu, ka achiti bahe guddate,

14 hojja jaarelle mid'aani d'ale hojja ch'ufa dotaate bahu fakaata.

15 Wonti kunini aka AABBO Waaqi, Waaqa d'ugaa garsiifti; inni siida kiyya, ka wollaala womatu inqamne.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan