Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 91 - KITAABA WAAQA

1 Nami AABBO Waaqati baqate, qarqaarsa isa iraa fed'atu,

2 waan jed'uuni atini siida kiyya, ka anini iti baqad'u; Waaqa kiyya, ka anini abdad'u.

3 Inni t'urura si kayani ch'ufa duraa si baase, ch'iisa d'ukuba ch'ufa jalaa si baasa.

4 Inni koola isaa jala si keeyate, si d'osse, si qorqorata; d'ugaani isaleeni woraanafi wonte si taati.

5 Atini waan halkani nama mudamsiisafi t'iya guyya siini had'anifi.

6 Ch'iisa d'ukuba ka dukana keesa si qabatu, yokhaani hameenna guyya ch'ufa si qabatu insodaatu.

7 Ato nami kuma toko si birati hobae nami kuma kud'ani si birati raawatele atini woma intaatu.

8 Atini aka ch'ubbicha gaargalchani iluma tante ch'allaani garta.

9 Waan atini AABBO Waaqa gudda qarqaarsafi siida atini iti baqatu tolfateefi,

10 gaargali tokoleeni si ind'aqabu, wonti hamtuuni tokoleeni mana keetiti ind'iaatu.

11 Waaqi harka malaika ufiti si kenna, aka worri fulla atini deemtu ch'ufati si qorqoratu.

12 Worri harka ufiitini si qaba, aka miila kanke d'akhaani ind'oomne.

13 Atini nyeench'afi bofa ira ejaanjate, gorjamaafi bofa had'aa hamtu qabu ch'ach'arasita.

14 Waaqi waan jed'u, Anini nama na jaalatu baase nama aka anini AABBO Waaqa beekhu qorqorad'a.

15 Hojja worri na yaamatu anini jalaa owaad'a; hojja worri gaargala keesa jiru anini worraa wahelcha. Anini worra baase ulfinna kennaafi.

16 Anini lubbu worraa d'eerese, baafama kiyya garsiisa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan