Faaru 9 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa, anini garaa tokooni si faarse, waan mama ka atini tolchite ch'ufa odeesa. 2 Anini maro teetifi gammade qilit'ame si faarsa, Ee AABBO Waaqa gudda. 3 Hojja atini d'uftu, nyaapi kiyya dudda duubati deebie, lafa d'ae raawata. 4 Atini dubbi tiyya d'uga gula qorte d'uga naa murte. 5 Atini gosa si imbeenne wollaala iti murte ch'ubbichale balleesite; deebiani maqa worraa hind'aani. 6 Nyaapa keenna yayu hobaasani; atini dira worraale ya balleesite, deebiani maqa isale ind'awani. 7 Ammo AABBO Waaqi hayyu haga jiru jireenna tau. Inni barch'uma ufii ira tae dubbi nama qoruu jira. 8 Inni lafa ch'ufa qajeelumani fide, gosa ch'ufa d'ugaani mohata. 9 AABBO Waaqi fulla nami dabsani iti baqatu, inni fulla guyya gaargala iti d'eetani. 10 Nami si beekhu, ee AABBO Waaqa, si d'ugeefata; nama siti d'ufu tokole atini indiddu. 11 AABBO Waaqa, ka Sioni keesa barch'uma isaa ka hayyuma gubba tau, faarsa! Waan inni tolchele gosa ch'ufati hima! 12 Waaqi nama gaargala keesa jiru ch'ufa inqaabata; inni boha isaani inded'u, inni nama worra dabsule haalo fuud'a. 13 Ee AABBO Waaqa, naa nahi! Gaargala nyaapi kiyya natiini d'ufu argi! Dua keesa na baasi, ee AABBO Waaqa, 14 aka anini worra Yerusalemu dura eje, waan anini siini faarsu ch'ufa iti himu. Anini waan atini na baafteefi guddo gammada. 15 Gochiti si imbeenne yayu booluma qotatte keesati jidde; worri yayu t'ururuma isaani duude. 16 AABBO Waaqi yayu d'uga gula dubbi qore akasiini ufi mullise. Ch'ubbichileeni ya hujuma ufiitini t'urura keesa ufi buuse. 17 Muummeeni ch'ubbichatifi ta nama Waaqa diduleeni booluma duati. 18 D'ipata guyya ch'ufa dandaani inded'ani, wonti hiyyeesi heregatuleeni haga jiru jireenna duraa imbadu. 19 AABBO Waaqa kooti! Nami siini imorkiini! gosa si imbeenne ufi duraani kooti, wollaala iti muri. 20 Ee AABBO Waaqa, worra rifachiisi, worri namuma, woma keesa injiru, ka akasi ufi beekhuti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya