Faaru 88 - KITAABA WAAQA1 Ee AABBO Waaqa qarqaarsa kiyya, anini guyya ch'ufa si yaamad'e, halkani ch'ufa si dura d'ufe si kad'ad'a. 2 Kad'achaani tiyya ha si geetuti; boha tiyyale d'agayi, na qarqaari! 3 Gaargali guddaani ya na qabate, diquma lubbuuni na keesaa imbahini. 4 Irreeni ch'ufti ya nara hobaate, anini nama duu jiru fakaad'a. 5 Yayu reefa keesati na lakisani, anini nama fit'ani awaala keesa ch'iisu fakaad'a, ka atini deete, qarqaarsa kanke ch'ufa iraa kute. 6 Atini yayu boola qile dukanooftu keesa na buufte. 7 Dallansuuni tante nati ulfaatte, d'awaani isiileeni na ch'ach'absite. 8 Atini yayu jaalani tiyya na biraa fuute, worra na jibbisifte. Anini ya haada seene, dandae imbaqad'u; 9 gaargali ya nara dabre, lafale argu na d'owe. Ee AABBO Waaqa, anini guyya ch'ufa si yaamad'e, harka si dura qabad'e si kad'ad'a. 10 Atini nama due jette, waan mama intolchita? Worri kae si infaarsa? 11 Waan jaalala tanteeti ta ind'umanne awaala keesati indubbatani? Yokhaani d'uga tante fulla irreesati indubbatani? 12 Fulla dukana suni keesati waan mama ka atini tolchite imbeekhani? Yokhaani worra waan isaani ded'ani, lafa isaani keesati dansuma tante ini argani? 13 Ee AABBO Waaqa, anini si yaamad'a, na qarqaari! Diirama ch'ufa si kad'ad'a. 14 Ee AABBO Waaqa, atini maafi na lakifte, fuula kanke na d'ofata? 15 Haguma gaafa ijoolluma tiyyaati asi anini gaargale, lubbuuni qadadani na bira ejite; gaargali atini na gaargalchite ya nati ulfaate ufi na jibbaachise. 16 Atini ya aka male nati dallante, na haate na balleesite. 17 Hojja ch'ufa aka fach'aa bisaani na marsani nati gasiqani. 18 Atini jaalani tiyya jabdu naraa fuute, dukanti wahela na taate. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya