Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 85 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, atini yayu lafa tanteeti naate; ammalle atini yayu worra Israeli hormaatati deebifte.

2 Atini ch'ubbu gumi teeti araaramteefi, wollaala worraa ch'ufale biraa deemte.

3 Atini dallansu worrati dallante galfatte, worrati dallanu dide.

4 Ee Waaqa, qarqaarsa keenna, ufiti nu deebisi, deebitele, nu indidiini!

5 Atini haga jiru jireenna nuti dallanta? Dallansuuni tante haga jiru jireenna sira ingaltu?

6 Nu jajabeesi, duuba, nu gumiini tante si faarsina.

7 Ee AABBO Waaqa, jaalala tante ta ind'umanne nu garsiisi; baafama kankele nuu kenni.

8 Anini waan AABBO Waaqi jed'u ch'aqasu jira; inni nu gumi isaa qulqullo nagaya nuu kakhate, yo nu kara keenna daallicha duri kaaniti deebiu baanne.

9 D'uguma baafami isaa nama isaa sodaatu iraa fago injiru, akasiini guddinni isaa lafa teenna keesaa imbahu.

10 Jaalala ind'umanneefi d'ugaani wold'at'e, qajeelumafi nageenni wold'ungate.

11 Qajeelumti namaa lafa ira kaate oldeemte, d'ugaani Waaqaleeni gubbaa gadi ilaalti.

12 AABBO Waaqi hormaata nu kenna, lafti teennaleeni sagale guddo baafti.

13 D'ugaani AABBO Waaqa dura deemte, kara hartiifi.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan