Faaru 84 - KITAABA WAAQA1 Mani kanke akami dansa ee AABBO Waaqa gudda. 2 Anini guddo Mana kanke seenu fed'a anini guddo Mana AABBO Waaqa seeniiti d'araa. Garaa kiyyafi qalbi tiyya ch'ufaani anini gammade, Waaqa jiruu faarsa. 3 Buriyaleeni mana qabdi, worraabatileeni fulla ilmaani keesati d'altu qabdi d'aatu fulla sorio irati si baasani, Ee AABBO Waaqa gudda, hayyu kiyyafi Waaqa kiyya. 4 Nami Mana kanke keesati galu, ka hojja ch'ufa si faarsu, ayyaana akami qaba! 5 Nami irre sira argatu, ka gaara Sioni imaltu d'aqu fed'u, gammada akami qaba. 6 Hojja worri bale Baka keesa dabru, isiini garagalte madda bisaani taati; bokaya hagayyati isi bisaanini guuta. 7 Worri ato deemu jajabaate, Waaqa, waaqoota ch'ufa ira jiru, Sioni gubbati arga. 8 Ee AABBO Waaqa gudda, kad'acha tiyya naa d'agayi; Ee Waaqa Yakobo, na ch'aqasi! 9 Ee Waaqa, hayyu keenna ka atini fohate, eebisi. 10 Guyyaani toko ka Mana kanke keesa olaani, guyya kuma toko ka fulla d'ibi olaani ira jira; fulla anini mana worra ch'ubbuti galu ira, hojja anini balbala Mana Waaqa kiyya keesa eju ira naa jirti. 11 AABBO Waaqi aka aduu nuu tahe, aka wonte nu qorqorate, nu qarqaare, guddinna nuu kenne, nu eebise. Inni nama d'uga gula deemu waan dansaa tokole ind'owu. 12 Ee Waaqa gudda, nami si d'ugeefatu gammada akami qaba! |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya