Faaru 82 - KITAABA WAAQA1 Waaqi ka abba kora gubba, woldeenna Waaqa ch'ufa keesati dubbate waan jed'u. 2 Dubbi qortani keesa nama indabsina; worra ch'ubbu dubbi keesa ira ch'iiftani, gula imbahiina! 3 Hiyyeesafi ilmaani hiyyeeyi abbaafi haad'a inqamne d'uga d'owartani indabsina; d'ipatafi nama woma inqamne dubbad'afi qarqaara. 4 Worra irre inqamne kana harka nama worra dabsu jalaa baasa. 5 Isani daalle woma imbeetani! Isani ya hamatani waan hamtu ch'alla tolchitani, d'ugaani ya lafa keesaa bade. 6 Anini waan jed'e, Isani ch'ufti waaqa, ilmaani Waaqa guddaa. 7 Ammo isani akuma namaa dootani, akuma nama lafa fidu raawatani. 8 Ee Waaqa, kooti lafa mohad'i; gochiti ch'ufti teeti. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya