Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 81 - KITAABA WAAQA

1 Gammada, Waaqa jabeenna nuu kennu sirba, Waaqa Yakobo faarsa!

2 Sirba, dibbeefi kiraari d'aa, faaru dansa d'aad'a.

3 Guyya baatitifi ka goobana magalata d'aa, jila tolfad'a.

4 Kunini seera Israeliini guutu malte, aada Waaqi Yakobo baase.

5 Aada suni inni gaafa worra Misiri had'e worraa kenne. Anini qonqo imbeenne toko d'agaye ta akana jettu.

6 Anini ulfinna isani baatani dudda iraa isani fuud'e, matofari isani baatani isani iraa lafa naqe.

7 Isani gaafa gaargala qabdani na yaamatani, jennaani anini d'ufe isani baase. Anini fulla mandisu, ta iti d'okhad'u keesa, isani jala owaad'e madda Meribati isani ilaalad'e.

8 Ee gumi tiyya, gorsa kiyya ch'aqasa; ee worra Israeli, ato sila na ch'aqaftani anini akami fed'a!

9 Isani Waaqa d'ibi ka gochiti d'ibiini kad'atu, diqole kad'achu himmalle.

10 Anini AABBO Waaqa keesani, ka lafa Misiri keesaa isani baase. Afaani keesani na dura qabad'a, anini isani quubsa.

11 Ammo gumiini tiyya na ch'aqasu dide, worri Israeli naa saalfachuu dide.

12 Tanaafi anini, aka worri mata jabaate, waan fed'u tahu, iti lakise.

13 Anini sila, hojja gumiini tiyya naa saalfate kara kiyya gula yaatu akami fed'a!

14 Anini sila maro tokotu nyaapa isaani balleese dabasad'a.

15 Nami na jibbu na sodaate na durati jilbifata; gaargali worraa haga jiru jireenna inhobau.

16 Ammo anini dargaye dansa isani nyaachise, dammani isani quubsa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan