Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 8 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe! Faaru si faarsani gubbaleeti ind'agayani;

2 faaru suni daimafi ijoolleeti d'aata. Atini ya nyaapa kanke ch'ufa duraa baate, nagayaani teeta. Atini nama sinii morku ch'ufa ind'owarta.

3 Yo anini gubba atini mid'aasiteefi jiaafi urji atini gubba nat'e dowad'u —

4 nami maani, ka atini teete waan isaa hereddu? Inni maani kana, ka atini teete waan isaa yaaltu?

5 Atini gaafa isa uumte isa ufiti aansite; atini ulfinnaafi guddinna isaa kennite.

6 Atini finna waan uumte ch'ufa harka isaa keesa keete; atini isaa gudda uumama ch'ufaa tolchite;

7 loonifi ree, bineensa,

8 simpirreefi qurt'umifi waan bisaani keesati gala ch'ufa!

9 Ee AABBO Waaqa keenna, gurri kanke ya lafa ch'ufa gahe!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan