Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 77 - KITAABA WAAQA

1 Anini iyye Waaqati boha, innileeni na d'agaya.

2 Hojja gaargala anini AABBO yaamad'a; anini halkani ch'ufa harka isa dura qabad'e isa kad'ad'a. Ammo waan garaa na jabeesa inargad'u.

3 Anini hojja waan Waaqa heregu, hafuurati na ch'ita, hojja anini isa qaabad'u ingagaba.

4 Inni halkani ch'ufa hiriba na d'owa; heregi guddani na qabate dubbachu na d'owa.

5 Anini gannaafi guyya dabre qaabad'a.

6 Anini halkani ch'ufa herega guddaani bule waan ufiini jed'u:

7 AABBO Waaqi haga jiru jireenna nu dida? Inni deebie nuti ingammadu?

8 Inni yayu nu jaalachu lakise? Kakhuuni isaa haga jirtu inteetu?

9 Waaqi ya namaa nahu dide? Inni dallansu keesa nuu nahu dide?

10 Jennaani anini waan jed'e, Wonti guddo na d'iba tana — Waaqi amma aka duri kaani irre inqabu.

11 Ee AABBO Waaqa, anini huji tante guddo inqaabad'a; waan mama ka atini duri tolchite ch'ufa ufi qaabsisa.

12 Anini waan atini tolchite ch'ufa herege, waan jabdu atini tolchite ch'ufa qaabad'a.

13 Ee Waaqa, wonti atini tolchitu ch'ufti qulqullo. Waaqi d'ibiini, ka aka kanke guddaa, lafa keesa injiru.

14 Waaqi waan mama tolchu sii; atini gosa ch'ufa irre tante garsiifta.

15 Irre tanteetiini atini gumi tante, d'aloota Yakobootiifi ka Yusufu, baafte.

16 Ee Waaqa, bisaani si arginaani sodaatani, d'immuuni baariinileeni si durati hollate.

17 Dumansi bokaya ga roobe, mandisuuni gubbaa d'ufte, angaasuuni moga ch'ufaa bibilit'e.

18 Atini mandite, angaasuuni bilit'e lafa ch'ufa guyyaasifte, laftileeni chochote hollate.

19 Atini d'awa bisaani keesa deemte, baariini qile taakite, ammo faana tante nami ingarre.

20 Atini Musafi Haruni gudda gumii teeti tolchite, tissitu worra taate worraani deemte.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan