Faaru 75 - KITAABA WAAQA1 Nu galata si deebimna, ee Waaqa nu galata si galchina! Nu guddinna kanke odeesine, waan mama ka atini tolchite namati himna. 2 Waaqi waan jed'u, Anini guyya qorsuma ya fohad'e, guyya sunile d'uguma gula namaa qora. 3 Ato wonti lubbu qaba ch'ufti holate, laftileeni chochote, anini yayaba isii injabeesa. 4 Anini ch'ubbichani, inkiyyibini, 5 kiyyiba kanke lakisi jed'aani. 6 Qorsumaani ilaborutiifi ila adutifi mirgaafi bitale ind'uftu. 7 Nami dubbi qoru Waaqa, ka nama gari wollaala iti mure ka gariti d'ugaa muru. 8 AABBO Waaqi muduunu daad'i ta dallansuuni isaa guute, harkaa qaba. Inni daad'i suni keesaa buuse, ch'ubbicha ch'ufa obaase, worri fooqisa. 9 Ammo anini haguma jiru waan Waaqa Yakobo dubbad'e isa faarsa. 10 Inni irre ch'ubbicha ch'absa, ammo irre nama d'ugaa iti daraafi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya