Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 72 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa, d'uga teetiini hayyu barsiisi; qajeeluma tante isalee qoodi,

2 aka inni gumi tante d'ugaani fide, nama nami dabsu qajeelumani bulchu.

3 Gaareeni ha waan nami horatu baaftu kubileeni ha d'ugaani namaa d'uftu.

4 Hayyichi ha hiyyeesa d'uga gula qore nama woma inqamne qarqaare, nama nama dabsule balleesu.

5 Gumiini tante haga aduufi jii jiru ch'ufa ha si kad'atuti, haga jiru jireennale.

6 Hayyichi ha bokaya oobruti roobufi ebele lafati roobdu fakaatuti.

7 Haga inni jiru d'ugaani ha jiraatu, haga lafti ifsa jiaa qabdu nami ha woi horatu.

8 Inni ha muumme baariini ch'ufaati d'aabe lafa mohatuti, haga galaana Efratifi muumme lafale.

9 Nami lafa gamooji tau isa durati gajejed'e, nyaapi isaaleeni miila isaa jaalati jijiga.

10 Hayyooti Tarshishitifi ta lafa d'aatu bisaani jirtuleeni damoosa isaa baafti. Hayyooti Araftitifi ta sidaama woi isaa baafti.

11 Hayyooti ch'ufti isaa durati jilbifate, gochiti ch'ufti isaa hojatti.

12 Inni hiyyeesa isa yaamatufi nama qarqaarsa inqamne, ka nami d'ibiini lakise, baasa.

13 Inni nama hiyyeesa laafa woma inqamnnee nahe, gaargala keesaa baasa.

14 Inni harka nama worra d'aane dabsu keesaa baase, lubbu worrale jabeesa.

15 Lubbuuni hayyu ha d'eeratuti! Worqi lafa Arafti ha isaa kennaniti; hojja ch'ufa ha Waaqa isaa kad'atani, inni eeba Waaqale ha argatuti!

16 Mid'aani ha bahani lafa ira dabraniti; mid'aani sunini ha kubilee ch'ufa ira guutani, mid'aani Lebanoni fakaataniti. Akuma buuyooni lafa guutte dirale ha nami keesa guututi.

17 Maqaani hayyu haga jiru imbadiini; guuri isaa haga aduuni jirtu ha jiraatuuti. Gochiti ch'ufti ha isa faarsite, Waaqa kad'ate, Nu eebisi jettuti, worri hayyule ha eebisuti.

18 AABBO Waaqa Israeli ha faarsaniti! Waan mama kana ch'ufa isuma ch'allati tolcha.

19 Maqa isaa dansa haga jiru jireenna ha faarsani! Guddinni isaa ha lafa ch'ufa guututi. Amini! Amini!

20 Kad'achaani Daudi ilma Yese armati hobaati.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan