Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 7 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa kiyya anini ya siti d'eed'e; na qarqaari, nama na reebu ch'ufa duraa na baasi,

2 aka worri aka nyeench'a fuud'e nani deeme, fulla nami tokoleeni dandae dura na imbaamneti gargari na intatarsaamne.

3-4 Ee AABBO Waaqa kiyya, yo anini nama tokole woi tolche, yokhaani jaala kiyya ka waan dansa na tolche gargale waan hamtu tolche, yokhaani nyaapa kiyya ka fayuma tana na had'e nahe, yo anini waan kana tokole tolche —

5 nyaapi kiyya ha na reebe na qabe, lafati na d'id'ite, na ijeese, lafumati na lakisuti!

6 Ee AABBO Waaqa, dallansu tanteetiini lafaa kai! Nyaapa kiyya, ka nati dallanu kana, kai balleesi; lafaa kai na qarqaari! Wonti atini nama iraa barbaaddu aka nami d'uga gula deemu.

7 Tanaafi gosa ch'ufa wolti baasi, ufiti gayaami, barch'uma kanke ka gubba ira tai, worra mohad'i.

8 Nami dubbi nama lafa keesa jiru ch'ufa qoru si. Aka anini woma iyyakini atini imbeeta, d'uga naa muri.

9 Atini Waaqa d'ugaati, ka herega keennafi garaa keenna laalu. Ch'ubbicha hameenna ira balleesi, nama waan dansa tolchuu nagaya kenni.

10 Waaqi wonte tiyya, inni nama garaa dansaani isa gula deemu imbaasa.

11 Waaqi d'uga gula dubbi qora, inni yo ch'ufa worra ch'ubbu wollaala iti mura.

12 Yo nami ch'ubbu iraa deebiu dide Waaqi goraade ufii qarata. Inni guube ufii t'iya iti kaye, aka dansaa guura;

13 inni woraana isaa ka woini ijeesu fuud'e, t'iya isaa ta woi gubdu abbira.

14 Ilaala, aka ch'ubbichi waan hamtu tae garaa ufii keesati uumu. Inni waan hamtu malate kiyyiba gadi d'ala.

15 Inni booluma nama d'ibi qote ufii keesa bua.

16 Duuba akanaani inni maruma ch'ubbu ufiitiifi gaargala argate, hameenni isaa matuma isaati deebia.

17 Anini AABBO Waaqa, maro inni d'uga tolchufi galata deebise, AABBO Waaqa ka waan ch'ufa ira jiru, faarsa!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan