Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 69 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa, na baasi! Bisaani ya mormati naa ch'iisani;

2 anini d'oqe keesa lit'uu jira, lafti godduuni ta anini ira ejad'u injirtu; anini yayu bisaani qile keesa seene d'awaani bisaani diquma na infud'atini.

3 Anini ya boha d'aqe ufi jibbaad'e, qarqaarsale d'abe, lubbuleeni ya na gogodde. Anini ya sii barbaada d'aqe, ilti na godde.

4 Nami fayyuma tana na jibbu rifeensa mata kiyyale ira jira. Nyaapi kiyya d'ara tiyya dubbate, jabaate na ijeesu fed'a. Worri waan anini inhatiini irreeni naraa fuud'e.

5 Ee Waaqa ch'ubbuuni tiyya si durati ind'okhatu. Atini aka anini daalle imbeeta.

6 Ee AABBO Waaqa gudda, aka anini nama si d'ugeefatu inch'eersine, tahu na d'owi. Ee Waaqa Israeli, aka anini nama si kad'atu inch'eersine, tahu nu d'owi!

7 Maro teetifi na arabsani na ch'eersani.

8 Anini oboleyaani tiyyati keessuma fakaad'a, worra kiyyaleti nyaapa fakaad'a.

9 Jaalalti anini Mana kanke jaalad'u aka ibida na keesa bobeeti. Arabi si arabsani ya nati deebie.

10 Anini ufi diqeese ufi agabse, waan sunifi nami na arabse.

11 Anini ch'arqi naqad'e jennaani sunile na koblani.

12 Fulla nami wolti bahu ch'ufati waan kiyya hasaani, nami machaeleeni waan kiyya sirba.

13 Ammo anini si kad'ad'a, ee AABBO Waaqa; atini hojja sii malte na d'agayi. Maro jaalala tante guddotifi na ch'aqasi, waan atini, si baasa jette kakhateefi.

14 D'oqe keesa lit'u na d'owi harka nyaapa kiyyatiifi bisaani qile keesaa na baasi.

15 Bisaani nati fach'aau d'owi; dimmufi boola duaa keesa buu na d'owi.

16 Ee AABBO Waaqa, maro dansuma jaalala tante ta ind'umanneeti jed'i, na d'agayi; naasu tante guddooni nati deebii!

17 Fuula kanke hojattu tante ind'ofatiini gaargali guddani ya na qabate hurrisi na d'agayi!

18 Nati d'iaad'i na baasi, harka nyaapa kiyya keesaa na baasi.

19 Atini aka na arabsani na ch'eersani gurra na balleesani imbeeta; nyaapa kiyya ch'ufa atini inuma agarta.

20 Arabi na arabsani ya garaa na yake ufi na jibbaachise. Anini nama naa nahe, garaa na jabeese na kibu, barbaade d'abe,

21 Gaafa anini beela qabu had'aa na nyaachisani; gaafa anini d'eebu qabu waan kurooftu na obaasani.

22 Jilti worra ha badini worraati d'uftuuti; isiini ha t'urura worraati taate worra balleesitu.

23 Ila worra duduchi aka worri woma ingarre! Dudda worraa haga jiru jireenna gadigosi!

24 Dallansu tante hamtu worrati buusi isiini ha worra balleesitu.

25 Olla worraa ona tolchi waaro worraa nama keesaa balleesi.

26 Worri nama atini d'oofte madeesite gaargalche, nama atini woraantele gaargala isaa dubbata.

27 Daba worra ch'ufa t'aafad'i, aka worri baafama kanke keesaa fulla argatu tahu d'owi.

28 Maqa worra kitaaba kanke ka jireenna keesaa balleesi, gumi tante keesale worra kuti.

29 Ammo anini guddo d'ukubsad'e gaargala kee jira; ee Waaqa, oli na d'aabi, na baasi!

30 Anini maqa Waaqaa sirba keesati faarse, galata isaa deebise, guddinna isale odeesa.

31 Wonti kunini looni sorio baasanifi, korma AABBO Waaqa baasanile ch'ufa ira isa gammachiifti.

32 Hiyyeesi, hojja waan kana argu, ingammada; nami Waaqa kad'atuleeni garaa jabaata.

33 AABBO Waaqi nama isaa ka gaaragala qabu d'agae, gumi isaa ta hid'aansa keesa jirtule inded'u.

34 Lafafi gubbafi baariinifi wonti keesa jira ch'ufti, AABBO Waaqa faarsa.

35 Inni Yerusalemu baase, dira Yuda ka qara jigele jaara. Gumiini isaa achi teete, lafa suni fud'atti;

36 nami d'aloota hojattu isaa lafa suni d'aala ammalle nami isa jaalatuleeni qubate achi taa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan