Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 68 - KITAABA WAAQA

1 Waaqi ha kae nyaapa ufii gargari firfirsuti, nami isaa jibbu ha isa duraa baqatuti.

2 Akuma aari lafaa kae baddu, innileeni worra balleesa; akuma ibidi haanch'aa bassu akasuma Waaqi ch'ubbicha balleesa.

3 Ammo nami d'uga ha gammade isa durati qilit'amu.

4 Waaqaa sirba, maqa isa faarsa; ka dumansa yaabatu kara mid'aasaafi. Maqaani isa AABBO Waaqa — isa durati qilit'ama!

5 Waaqi ka mana ufii qulqullooti galu, inni abba hiyyeeyi tahe haawaani isiile qorqorata.

6 Inni nama ch'eekho qabu worra kenneefi nama hid'aansa keesa jirule hiikhe balchoomse, ammo nama isa didu lafa aloo ta d'eebichati galcha.

7 Ee Waaqa, gaafa atini gumi teetiini deemte lafa gamooji keesani godaante,

8 lafti chochote gubbale bokeeni roobe, maro Waaqi Israeli ka Sinaiti worrati mullate achi jiruufi.

9 Atini bokaya tamna roobde, lafa godde bade jireesite.

10 Gumiini tante achi qubatte, atileeni naasu tanteetiini waan hiyyeesi fed'u kenniteefi.

11 Aabbooni dubbi dubbate nad'eeni hedduuni dubbi suni namati odeesite:

12 Hayyootafi duuli worraa baqachu jira! Nad'eeni worrati hafte waan boojiani gargari qoodate;

13 sabaliisa qarsiini mid'aasani, ka kooli isa aka worqi bibiliqu. Isani nami gari guyya woraana maafi moona ree keesati haftani?

14 Gaafa Waaqi guddani hayyoota gaara Salmoni gubbati gargari firfirse, inni aka male roobe lafa qabaneese.

15 Gaareeni Bashani akami gugurdo! Gaareeni tunini fiit'e heddu qabdi!

16 Isani maanifi fiit'e teesani d'ed'eertu ira, gaara Waaqi fohate gubbaa tau, tufini laaltani? AABBO Waaqi haga jiru jireenna achi gubbaa taa.

17 AABBO Waaqi gaari isaa ka fardi hirkisu, ka kunki heddutiini gaara Sinai iraa d'ufe, Fulla Qulqullo seena.

18 Inni nama boojiani heddu fuud'e, fiit'e gaaratiini kore, nama isa didu iraa wofud'ata. AABBO Waaqi achiti gala.

19 AABBO Waaqa, ka guyya ch'ufa ulfinna nuraa fuud'u ha faarsani; Waaqi nu baasu isuma.

20 Waaqi keenna Waaqa nama baasu; inni AABBO, Aabbo keenna, ka duisa keesaa nu baasu.

21 Waaqi mata nyaapa isa, ka kara ufi hama lakisu didu, ch'ach'absa.

22 AABBO Waaqi waan jed'u, Anini nyaapa keesani lafa Bashani keesaa gadeebisa; ammalle d'immu Baariini keesaa fuud'a,

23 aka isani d'iiga worra keesa yaatani sareeni teesanileeni haga dandeetu d'iiga worra d'uddu.

24 Ee Waaqa, nami ch'ufti aka atini dabsate gammadani galtu ya arge, Ee Waaqa, Hayyu kiyya, deema atini mana kanke qulqullooti galtu ya argani.

25 Nami woi sirbu dura yaa, sirbituni eege yaati, jiddu keesa dubra dibbe d'ooftuti yaa.

26 Gumi isaa guddo keesati Waaqa faarsa; isani d'aloota Yakobo, AABBO Waaqa faarsa.

27 Qara gosa Benjamini ta ch'ufa ira diqooti d'ufa; eege jaarole Yudatifi worra isaaniti woliini d'ufa; ammalle eegi worra suni jaarole Zabulonitifi ta Naftaliti d'ufa.

28-29 Ee Waaqa, jabeenna kanke garsiisi, ka atini Mana kanke ka Yerusalemu keesa fulla hayyooti woini sii d'uftu, ka atini nuu jette woini tolchite.

30 Lafa Misiri, bineensa hama ilaadu keesati galu suni, fakeesi woi iti himi; ammalle gosa d'ibi, ta koromifi yabbiye fakaatu tana jabeesi woi iti himi, haga worri ch'ufti gajed'e qarsi sii baasuti. Worra woraanani yau kana firfirsi lafa ch'ufa keesaa balleesi!

31 Nama hayyuuni erguti lafa Misiriti d'ufa; gochiti Kushileeni harka olqabate Waaqa kad'ati.

32-33 Gosa lafa ch'ufa, sirba AABBO Waaqa, ka haguma duriti gubbaa tau, faarsa, aka inni qonqo guddooni lalabe iyyu, ch'aqasa.

34 Jabeenna Waaqaa odeesa; guddinni isaa Israeli gubba jira, jabeenni isaa gubba taa.

35 Waaqi Israeli ka mana isaa qulqulloo d'ufu, akami nama sodaachisa! Inni jabeennaafi irre gumi isaati kenna, Waaqa ha faarsani!

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan