Faaru 67 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa nuu nahi, nu eebisi, naasu teetiini nu ilaali, 2 aka lafti ch'ufti fed'i tante beete, gochiti ch'ufti baafama kanke hubatu. 3 Ee Waaqa gosa ch'ufa keesa nami ch'ufti ha si faarsuti! 4 Gochiti ch'ufti ha gammadde sirbitu, waan atini d'uga gula nama qorte, gosa lafa keesa jirtu ch'ufa qajeelchitufi. 5 Ee Waaqa, gosa ch'ufa keesa nami ch'ufti ha si faarsuti! 6 Lafti yayu sagale baafte; Waaqi keenna ya nu eebise. 7 Waaqi yayu nu eebise; nami lafa keesa jiru ch'ufti ha isa sodaatu. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya