Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 65 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa, aki nu Sioni keesa si faarsine, kakhu teenna si durati guunnu fullaa;

2-3 wonti akanatiifi atini kad'acha namaa d'ageeta. Nami maro daba ufiitiifi fulla ch'ufaa siti gad'ufu male. Wollaali keenna nu dabsata, ammo atini nuu araaramta.

4 Ayyaana isaniti, ka atini fohate Mana kanke qulqullooti galchitu. Nu waan dadansa mana kanketi guunne, eeba Mana kanke qulqullo arganna.

5 Atini dabsacha nu kennite, waan mama tolchite nu baafte, akasiini kad'acha teenna nuu d'ageete. Nama lafa keesa jiru ch'ufafi ka galaana gama jiruleeni ch'ufti si abdata.

6 Atini jabeenna keetiini gaareeni fulla isii d'aabde, akasiini irre tante garsiifta.

7 Atini d'awa baariini ch'allisifte, dibbeesa d'awale ballisite, gohanna namale ch'allisifte.

8 Waan atini tolchite arginaani lafti ch'ufti mamte, wonti atini tolchite nama muumme lafaa jirule ch'ufa ingammachiifti.

9 Atini bokaya ergite akasiini lafa qorqorate, sagale iti baafte mid'aasita. Laga bisaanini guute, lafale mid'aani iti baafte. Aki atini waan kana tolchitu akana:

10 atini oobru qotani tamna bokayaa iti roobde bisaani quubsite; atini biyye ebeleeni lalaafifte, mid'aani oobrani lafaa baafte.

11 Dansumti tante waan akami namaa kenniti! Fulla atini deemtu ch'ufa quufati jira.

12 Lafa horiini tikhatu ch'ufa horiini keesa guute lape gaareeni ch'ufa irati gammadani.

13 Fulla horiini oolu ch'ufa hooliyeeni keesa guute, baleele ch'ufa dargayeeni keesa guuti. Wonti ch'ufti gammade sirbiti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan