Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 64 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa anini gaargala qaba, kad'acha tiyya naa d'agayi anini nyaapa kiyya ya sodaad'e, lubbu naa baasi!

2 Mala gumi ch'ubbiti seseega yaatu jalaa na baasi.

3 Worri aka goraade araba ufii qare, dubbi hamtu aka t'iya abbira.

4 Worri yoosu dubbi ch'eeraa ta kiyyiba dubbate, nama dansale soda male arabse, gurra isaa balleesa.

5 Worri mala worraa hama suni keesa woljabeese, fulla t'urura ufi kayu malate waan jed'u, Nami tokoleeni inargu.

6 Worri mala hama d'aate waan jed'u, Nu yayu mala dansa namaani balleesinu malanne. D'uguma heregaafi qalbiini namaa waan nami beekhe hubatuniti.

7 Ammo Waaqi t'iya ufii darbe, maro tokotu worra woraane madeesa.

8 Maro dubbi worraatifi inni worra balleesa; nami worra argu ch'ufti mata gingilfata.

9 Duuba nami ch'ufti sodaate, waan Waaqi tolche herege, huji isaa odeesa.

10 Nami d'ugaa qajeelani ch'ufti waan AABBO Waaqi tolche iraa gammada. Worri dansaani ch'ufti fulla isaati baqate, arti nagaya argate isaa faarsa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan