Faaru 62 - KITAABA WAAQA1 Anini obse baafama Waaqa eegad'a; nami anini d'aabad'u isa. 2 Isuma ch'allati na qorqorate, na baase na jabeesa; duuba nami dandae na inchochoosu. 3 Isani nama akana kana, ka naabo ch'ach'abdeele ira ingoomne, haga yoomi had'u lakiftani? 4 Isani fulla isaa ta guddinna ch'allati isaa gabuusu feetani; isani d'ara jaalatani. Afaani keesanini isa eebiftani, ammo garaa keesati isaa abaartani. 5 Anini Waaquma ch'alla d'aabad'a, abdiini tiyya isuma. 6 Isuma ch'allati na qorqorate, na baase na jabeesa. Duuba nami dandae na inchochoosu. 7 Baafamafi gurri kiyyaleeni Waaqa iraa d'ufa; inni nama na qorqoratu jaba, ka anini iti baqad'u. 8 Ee gumi tiyya hojja ch'ufa Waaqa d'uge fad'a, gaargala keesani ch'ufa iti hima, nami nu iti baqannu isa. 9 Nami hafuuruma baafatani fakaata; diqaafi guddaleeni akuma taka jira, woma keesa injiru. Miisana gubba kai, biimi worri diqole inuulfatu, hafuurale ingahu. 10 Saamicha nama saamtani inabdatiina, yokhaani hori hannaani horatanile ind'aabatina; ato horiini keesani isani horele, guddo inheregatina. 11-12 Maro heddu anini Waaqa, irree tiyyafi jaalalti tiyyaaleeni ind'umatu jed'u d'agaye. Ee AABBO, siumati nama ch'ufa huji isaa gula woi muraafi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya