Faaru 61 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, boha tiyya d'agayi, kad'acha tiyya ch'aqasi! 2-3 Anini hojja worra kiyya ira fago jiru, ka ufi jibbad'e si yaamad'a! Nami na qorqoratu, ka harka nyaapa kiyya keesa na baasu si; fulla anini iti baqad'u na geesi. 4 Mana kanke qulqullo keesa haga jiru jireenna na teesisi; gaadisa koola keeti jalati na tissi. 5 Ee Waaqa, atini kakhu anini siti kakhad'e ya d'ageete, ammalle d'aala nami maqa kanke sodaatu argatu ya naa kennite. 6 Lubbu hayyu d'eeresi; inni ha ganna heddu taauti! 7 Ee Waaqa, inni haga jiru jireenna ha si durati lafa fidu; jaalala tante ta ind'umanneefi d'uga tanteetiini isa qorqorad'i. 8 Akanaani anini hojja ch'ufa maqa kanke faarse, guyya ch'ufa kakhu anini siti kakhad'e guuta. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya