Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 61 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa, boha tiyya d'agayi, kad'acha tiyya ch'aqasi!

2-3 Anini hojja worra kiyya ira fago jiru, ka ufi jibbad'e si yaamad'a! Nami na qorqoratu, ka harka nyaapa kiyya keesa na baasu si; fulla anini iti baqad'u na geesi.

4 Mana kanke qulqullo keesa haga jiru jireenna na teesisi; gaadisa koola keeti jalati na tissi.

5 Ee Waaqa, atini kakhu anini siti kakhad'e ya d'ageete, ammalle d'aala nami maqa kanke sodaatu argatu ya naa kennite.

6 Lubbu hayyu d'eeresi; inni ha ganna heddu taauti!

7 Ee Waaqa, inni haga jiru jireenna ha si durati lafa fidu; jaalala tante ta ind'umanneefi d'uga tanteetiini isa qorqorad'i.

8 Akanaani anini hojja ch'ufa maqa kanke faarse, guyya ch'ufa kakhu anini siti kakhad'e guuta.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan