Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 6 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, dallansu tante keesa na ingorsiini! Nati dallante na ind'aaniini!

2 Anini ya dad'abe, ee AABBO Waaqa, naa nahi humna naa kenni, anini ya ufi jibbaad'e,

3 gaargali guddaani ya na qabate, lubbuuni ya na d'ufte. Atini yoomi d'ufte na qarqaarta, ee AABBO Waaqa?

4 AABBO Waaqa, kooti na baasi; naasu teetiini duu na d'owi.

5 Nami eegi due deebie si inqaabatu. Nami boola keesa jiru dandae si infaarsu.

6 Anini ya laalefad'e boha d'aqe ufi jibbaad'e, halkani ch'ufa sireeni tiyya imimaani kiyyaani jiiti, ilti tiyyaleeni d'impifte saabo tiyya ch'ooleesite.

7 Anini dandae woma inargu, ilti tiyya ya boha nyaapi kiyya na bocheeni iitofte.

8 Isani worri ch'ubbu tolchu naraa fagaad'a, AABBO Waaqati qonqo boha tiyya ch'aqase,

9 qarqaarsa anini kad'ad'u d'agaye, waan anini kad'ad'u naa kenna.

10 Nyaapi kiyya aka male ch'eere lafa bada; worri waan tahu wollaale kae baqata.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan