Faaru 58 - KITAABA WAAQA1 Isani nami lafa mohatu, dubbi namaa d'uga gula qortani? Nama ch'ufa qajeeluma gula qortani? 2 Hiyo! isani hameenna tolchitani ch'alla hereddani. Lafa keesaleti nama d'aantani balleesitani, akasiini wollaala tolchitani. 3 Ch'ubbichi haguma d'alate kara iraa gore, haguma garaa haad'aa keesaa bahe d'ara dubbata. 4 Inni waan aka had'aa bofaa qaba, inni aka jawe gurra duufate, 5 nama waan bofa beekhu ch'aqasu dide, gurra ufii duufata. 6 Ee Waaqa, gaade nyeench'a kana ch'ach'absi. Ee AABBO ilkaani kuble isaale bulleesi. 7 Worri ha aka bisaani fooqate baddu, aka buuyo kara keesa mach'arsani. 8 Worri ha aka hilqa hoomacha ufii keesa lit'u tahuti; worri ha daima akuma d'alateeni, due ka ifsa inargini, tahuti. 9 Ato worri imbeekanne aka buuyo haamaani; dallansu isaa hamtu keesa Waaqi, ato worri jiru, afufe balleesa. 10 Nami d'ugaa qajeelani hojja ch'ubbicha gaargalchani ingammada; inni d'iiga ch'ubbichaa keesa deema. 11 Duuba nami waan jed'u, Nami d'uga qajeelani waan isaa malle ya argate; d'uguma Waaqati jira, ka lafa wollaala iti muru. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya