Faaru 57 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa naa nahi anini siti baqad'a, naa nahi. Anini haga gaargali badii kunini hobauti, gaadisa koola keeti jalati d'okhad'a. 2 Anini Waaqa gudda, ka waan ch'ufa ira jiru, ka waan anini fed'u ch'ufa naa kennu, yaamad'a. 3 Inni qonqo gubbaa gadi erge na baase, nama na dabsule dabsata. Waaqi jaalala isaa ta ind'umanneefi d'uga isaa na garsiisa. 4 Nyaapa aka gorjama jiruti na marse, ka gaadeeni isa woraanafi t'iya fakaate, arabi isaaleeni goraade qara qabdu fakaatu. 5 Ee Waaqa, jabeenna kanke gubbaa garsiisi, lafa iraleti guddinna kanke garsiisi. 6 Nyaapi kiyya t'urura naa kaye, gaargali guddaani na qabate. Worri boola kara keesati naa qote ammo ufi keesa bue. 7 Ee Waaqa, garaani kiyya ya jabaate, anini faaru d'aad'e si faarsa! 8 Lubbu tiyya kai! Kiraariifi dibbe tiyya kaa! Anini adule lafaa kaasa. 9 Ee AABBO, anini lafa ch'ufa keesati galata si deebise, gosa ch'ufa keesati si faarsa. 10 Jaalalti tante ta ind'umanne gubba geeti; d'ugaani tanteeleni dumansati ejiti. 11 Ee Waaqa, jabeenna kanke gubbati garsiisi lafa iraleti guddinna kanke garsiisi. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya