Faaru 56 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, nyaapi halkani guyya na gusse na ijeesuu fed'a naa nahi. 2 Guyya ch'ufa nami nani morku na had'e worri na had'u sunini nama muumme inqamne. 3 Ee AABBO Waaqa gudda, hojja anini woi sodaad'u nami anini abdad'u siuma. 4 Anini Waaqa abdad'a, womale insodaad'u; anini maro kakhu isaatiifi isa faarsa, nami maani na tolchu dandaa? 5 Nyaapi kiyya halkani guyya na yake, hojja ch'ufa aka na balleesu malata! 6 Worri wolti bahe d'okhate, gaade na ijeesuu fed'a. 7 Ee Waaqa maro ch'ubbu worraatifi worra gaargalchi, dallansu tante keesa worra dabsad'i. 8 Atini gaargala kiyya imbeeta; imimaani kiyya qeesite, waan suni kitaaba kanke keesati t'aafte? 9 Guyya anini si yaamad'u nyaapi kiyya nara gaargala. Anini waan kana imbeekha: Waaqi gama kiyya jira — 10 inni AABBO Waaqa, ka anini dubbi isaa faarsu. 11 Anini woma insodaad'u. Nami anini abdad'u isuma, nami maani na tolchuu dandaa? 12 Ee Waaqa, anini waan si durati kakhad'e inuma guuta; anini sorio si baase, akasiini galata sii deebisa; 13 wonti akanatiifi atini dua keesaa na baafte, badi na d'owarte. Tanaafi anini Waaqa dura ifsa isaa ka inni nama jiru ifsu, keesa deema. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya