Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 55 - KITAABA WAAQA

1 Ee Waaqa, kad'acha tiyya d'agayi, dubbi tiyya didde duraa ind'okhatiini!

2 Na ch'aqasi, na jala qabi; heregi kiyya ya na gaargalche ufi na jibbaachise.

3 Qonqooni nyaapa kiyya ya na mudamsiifte, worri ch'ubbuleeni ya dabse na balleese. Worri nati dallane na jibbe, gaargala natiini d'ufe.

4 Anini ya mudame mudamsuuni dua na qabate.

5 Sodaani na qabate holad'e, lubbuuni na d'ufte.

6 Duuba anini waan jed'e, Ato sila koola aka sabaliisa qabad'e barise fulla iti boqod'u barbaada.

7 Anini barise fagaad'e, lafa alooti gala.

8 Anini utaale, bubbeefi bokaya duraa baqad'e, fulla iti qobad'u barbaada.

9 Ee Aabbo, nyaapa kiyya afaani wolwolaalchisi! Anini dira keesa nama woldiduufi ka woldabsu arga

10 ka halkani guyya dira suni marse hameennaafi gaargalaani guutu.

11 Diri kunini ya bade, gabaya isaa keesati nami woldabse sobe wolballeesa.

12 Ato sila nyaapi na goyeese, anini inobsa; ato sila nami nani morku nati koore, anini dandae isa duraa d'okhad'a.

13 Ammo nami akana na tolchu sii, ka golifi wahelaafi jaala kiyya jaba.

14 Nu duri haasaa dansa woliini haasomne, Mana Waaqaa keesaleti woliini kad'anne.

15 Nyaapi kiyya ato guyyaani isaa ingenne, ha hobauti, ha ato jiru boola ekhera buuti! Wonti akanatiifi worra isaanitifi garaa isaanile keesa hameennati jira.

16 Ammo anini AABBO Waaqa yaamad'a, nami na baasu isa.

17 Diiramafi guyyaafi halkanile, gungumsuni tiyyafi waachani tiyyaleeni gara Waaqaa deemti. Innileeni qonqo tiyya d'agaya!

18 Inni had'iisa heddu, nu nyaapa kiyyaani wolhane ch'ufa, nagayaani jalaa na baasa.

19 Waaqi ka haguma duriti lafa fidu, kad'acha tiyya na d'agaye worra balleesa; wonti akanatiifi worri deebie garagale isale insodaatu.

20 Waheli kiyya ka duri kaani jaalani ufii had'e, kakhu duri kakhate guutuu dide.

21 Dubbini isaa damma ira mioofti ammo garaa isaa keesa jibbaati jira; jechi isaa d'ad'a ira laafa, ammo aka goraade nama mura.

22 Gaargala kanke AABBO Waaqati kennad'i, nami si jabeesu isuma; inni aka nama d'uga dabsatani ee injed'u.

23 Ammo, ee Waaqa, atini worra nama ijeese kiyyiba kaani, ato guyyaani worraa ingeenne, boolati guurta. Ammo anini gama kiyyani siuma ch'alla abdad'a.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan