Faaru 52 - KITAABA WAAQA1 Ee nama jaba, atini maafi jabeenna keetiini koorta? Jaalalti Waaqaa ta jiru jireennaati. 2 Atini mala namaani balleesitu d'aata, arabi kanke aka haadu qara qaba. Atini guyya ch'ufa d'ara dubbatta. 3 Atini waan dansa ira waan hamtu jaalatta, d'uga ira d'ara jaalatta. 4 D'articha, atini guyya ch'ufa nama nyaachu feeta! 5 Tanaafi Waaqi haga jiru jireenna si balleesa; inni si fuud'e, mana kanke keesaa si baase, si ijeese, lafa tana iraa si balleesa. 6 Nami d'uga waan suni arge sodaate, si koble waan jed'u, 7 Me laala, nama Waaqati ind'eenne, ammo ka hori isaa gudda abdate, nama balleese, akasiini irre horate, irre ufii suni abdatu. 8 Ammo anini mukha ejersa, ka Mana Waaqa keesati bahu, fakaad'a; anini jaalala isaa ta ind'umanne haga jiru jireenna d'ugeefad'a. 9 Waan atini naa tolchite ch'ufa anini galata sii deebisee, gumi tante durati dansuma tante odeesa. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya