Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 52 - KITAABA WAAQA

1 Ee nama jaba, atini maafi jabeenna keetiini koorta? Jaalalti Waaqaa ta jiru jireennaati.

2 Atini mala namaani balleesitu d'aata, arabi kanke aka haadu qara qaba. Atini guyya ch'ufa d'ara dubbatta.

3 Atini waan dansa ira waan hamtu jaalatta, d'uga ira d'ara jaalatta.

4 D'articha, atini guyya ch'ufa nama nyaachu feeta!

5 Tanaafi Waaqi haga jiru jireenna si balleesa; inni si fuud'e, mana kanke keesaa si baase, si ijeese, lafa tana iraa si balleesa.

6 Nami d'uga waan suni arge sodaate, si koble waan jed'u,

7 Me laala, nama Waaqati ind'eenne, ammo ka hori isaa gudda abdate, nama balleese, akasiini irre horate, irre ufii suni abdatu.

8 Ammo anini mukha ejersa, ka Mana Waaqa keesati bahu, fakaad'a; anini jaalala isaa ta ind'umanne haga jiru jireenna d'ugeefad'a.

9 Waan atini naa tolchite ch'ufa anini galata sii deebisee, gumi tante durati dansuma tante odeesa.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan