Faaru 51 - KITAABA WAAQA1 Ee Waaqa, maro jaalala tante ta ind'umanneetiifi naa nahi, naasu tante guddo sunini ch'ubbu tiyya naraa balleesi! 2 Hameenna kiyya ch'ufa naraa d'iqi, ch'ubbu tiyya ch'ufa na qulqulleesi! 3 Anini wollaala kiyya imbeekha, ch'ubbu tiyyale hojja ch'ufa qaabad'a. 4 Anini siti ch'ubbame — si ch'allati ch'ubbame — waan atini hamtu seetu ch'ufa tolche. Tanaafi hojja atini dubbi qorte wollaala nati murtu d'ugaani teeti. 5 Anini haguma d'alad'e daba qaba, haguma duri garaa haad'a tiyya keesati uumame ch'ubbu qaba. 6 Atini d'ugaafi qajeeluma nama ira feeta, taanafi qarooma kanke naa kenni, qalbi tiyya keesa kai. 7 Daba kiyya naraa fuud'i, duuba inqulqullaa; na d'iqi duuba anini aka dansa qulqullae, addaad'e haama fakaad'a. 8 Gammadaafi qilit'ama na d'ageesisi, nafi kiyya ka qara atini ch'ach'absite ha gammadu. 9 Ila tanteetiini ch'ubbu tiyya inilaalini hameenna kiyya ch'ufa naraa balleesi. 10 Ee Waaqa, garaa qulqullo naa kenni, lubbu hareeti sira gara ingalle na keesa kai. 11 Fuula kanke duraa na ingussini, lubbu qulqullo tantele naraa infud'atini. 12 Gammada baafami kanke namaa kennu naa deebisi, garaa sii saalfatu naa kenni. 13 Duuba anini seera kanke worra ch'ubbuu barsiise, worrileeni siti deebia. 14 Ee Waaqa, d'iiga namaa ka anini duri jisse jette, na inijeesiini lubbu na baasi, duuba anini d'uga tante gammadaani biyyati odeesa. 15 Ee Aabbo, araba na qajeelchi, aka anini si faarsu. 16 Ato atini sila sorio feete anini sii baasa, ammo sorioni gubanileeni si ingammachiiftu. 17 Ee Waaqa, sorioni tiyya garaa laana ka anini si gulaani deemu; atini garaa laana, ka ch'ubbu iraa deebiu, indiddu. 18 Ee Waaqa, gaara Sioni nahiifi eebisi, naabo Yerusalemule jabeesi jaari. 19 Duuba atini sorio d'ugaatifi waan gubani sorio baasanile iraa gammadda; ammalle koromile waan sorio irati sii baasani irati sii qalani. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya