Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 5 - KITAABA WAAQA

1 Ee AABBO Waaqa, dubbi tiyya ch'aqasi, aka anini ufi jibbaad'e hafuura darbu d'agayi.

2 Ee Waaqa kiyya, hayyicha kiyya, anini si kad'ad'a, na qarqaari! Ee AABBO Waaqa, anini si kad'ad'a.

3 Atini ganama qonqo tiyya d'ageeta; hojja biiftuuni baatu anini si kad'ad'e qonqo sira eegad'a.

4 Atini Waaqa ch'ubbu jaalatuniti ilti tanteeleni hameenna argu imfeetu.

5 Nami kiyyibaani ufi saadu tokoleeni dandae fuula kanke dura inejju; atini nama daba tolchu injibbita.

6 Atini d'articha balleesite, nama kiyyiba waan ijeesu ch'alla fed'u jibbita.

7 Maro jaalala tante guddotifi anini dandae mana kanke seena; mana kanke qulqullo keesati si kad'ad'e si durati gajed'e sii saalfad'a.

8 Ee AABBO Waaqa, nyaapi kiyya ya heddate, kara kanke ka d'ugaati na qajeelchi, dandi tante naa diideesi.

9 Wonti nyaapi kiyya jed'u waan nami dandae d'ugeefatuuniti; afaani worraa waan balleesani ch'alla fed'ani. Worri kiyyiba ch'alla qaba, arabi worra d'ara ch'alla dubbata.

10 Ee Waaqa, worra wollaala iti muri fafeesi, ha malumaani worraa worra balleesuti, maro worri siti ch'ubbame si dideefi, worra fuula kanke duraa gussi.

11 Amma nami siti d'eetu ch'ufti ingammada, guyya ch'ufa qilit'ameti sirba. Nama si jaalatu qorqorad'i, maro teetifi worri gammada qaba.

12 Nama sii saalfatu atini ineebifta, ee AABBO Waaqa; jaalalti tante aka wonte woi worra ira d'owarti.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan