Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 49 - KITAABA WAAQA

1 Nama lafa tana keesa jiru ch'ufa! Dubbi tana d'agaya!

2 Diqaafi gudda, dureesafi hiyyeesa, wolumaani ch'aqasa.

3 Anini guddo woi herega, dubbuma qaro ch'alla dubbad'a.

4 Anini mammaasa ch'aqase, ato kiraari d'au, waan isaa ch'ufa hima.

5 Hojja lafti gaargala qabdu, ka nyaapi na marse, anini insodaad'u,

6 nama hamama, worra hori ufii abdate beese ufii ch'alla d'aada yau.

7 Nami dandae ufi imbittu; inni dandae gati lubbu isaa Waaqaa imbaasu;

8 wonti akanatiifi gatini namaa guddo. wonti inni baasu dandau,

9 awaala isa hanqifte haga jiru jireenna isa injirreesitu.

10 Nami ch'ufti inarga, aka qaroofi daalleefi sirgolleeni due, hori ufii ilmaani ufiiti lakisu.

11 Awaali worraa haga jiru jireenna worruma isaanii taha. Haguma jiru worri achuma taha, ato duri lafa ufii qabatele.

12 Horiini dandae nama duu ind'owu, ato qabatele inni akuma bineensi duu dua.

13 Me, waan nami ufi abdatu tahu ilaala, waan nami hori ufii d'aabatu tahu herega.

14 Worri suni akuma hori hobaa, tissituuni worraaleeni duisa. Nami d'ugaa worra dabsate, ka reefi worraa boola ekheraa, ta worra isaani ira fagooti shamuu jiru!

15 Ammo Waaqi boola dua keesaa na fuud'e, na baase, ufiti na deebisa.

16 Hojja nami woi horate, horiini isaa lafa iraa dabre, waan isaa heredde ufi ingaargalchini;

17 inni hojja duu hori suni woliini induu, yokhaani horiini isaa isa woliini boola inseenu.

18 Ato nami jireenna lafa tana quufe, maro inni woi horateefi inni gurra baafatele,

19 inni ekhera worra isaani ka duri dueti galla, fulla haga jiru jireenna dukanti jirtu.

20 Horiini dandae nama duu ind'owu ato qabatele inni akuma bineensa dua.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan