Biblia Todo Logo
Bìoball air-loidhne

- Sanasan -

Faaru 48 - KITAABA WAAQA

1 AABBO Waaqi gudda, dira Waaqa keenna keesa, gaara isaa qulqullo gubbati, isa guddo faarsu malani.

2 Gaari Waaqaa Sionini d'eera mid'aaga. Dira hayyu guddaa suniti lafa ch'ufa gammadaani iti d'ufa.

3 Nami fulla jabdu dira suni keesa seenu, ka Waaqati d'eetu, tokoleeni nyaapa ufii insodaatu.

4 Hayyooti wolti baate, gaara Sioni had'u d'ufte.

5 Ammo gaara suni arginaani mamani, sodaatani biraa baqatani.

6 Achiti naasufi mudamsuuni worra qabate, akuma niiti ilmeeni iti ejate,

7 yokhaani akuma hobolo d'awani galaanaa d'oofte chochoofte.

8 Nu waan Waaqi tolche qara d'ageenne, amma yayu dira Waaqa AABBO keenna gudda keesati argine; inni dira suni jabeese haga jiru jireenna qorqorata.

9 Ee Waaqa, Mana kanke keesati nu jaalala tante ta ind'umanne herenna.

10 Nami fulla ch'ufati si faarsa, gurri kankeleeni fulla ch'ufa gaha. Atini d'ugaani nama fida.

11 Gumiini Sioni ha gammaddu! Atini qajeelumani dubbi qorta; dira Yuda keesati ha gammadani!

12 Gumi Waaqaa dira Sionitini mara, doofi isa heda;

13 naabo isa aka dansa laala, maneeni isa jajabdule ch'ufa hubad'a, aka isani d'aloota taka tanale dubbi tana iti himtani:

14 Waaqi kunini Waaqa keenna, ka haga jiru jireennati; inni haga hegeri nuni deeme, tisse nu qorqorata.

Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.

Bible Society of Kenya
Lean sinn:



Sanasan