Faaru 47 - KITAABA WAAQA1 Gosa ch'ufa, gammada harka d'aa! Lalaba sirba, AABBO Waaqa faarsa! 2 AABBO Waaqi guddaani ka sodaachu malani; inni hayyu gudda, ka lafa ch'ufa fidu. 3 Inni gosa ch'ufa nu dabsachiise, gosa ch'ufa nu mohachise. 4 Inni lafa nu keesa teennu nuu fohate, fulla dansa gochiti isaa ta Yakobo ta inni jaalatu koortuuni. 5 Waaqi barch'uma ufii yaabata. Hojja AABBO Waaqi olkoru suni magalata d'aani, lalabaani gammadani. 6 Waaqa faarsa; hayyu keenna faarsa! 7 Waaqi hayyu lafa ch'ufaati; faaru d'aad'a, isaa faarsa! 8 Waaqi barch'uma ufii qulqullo ira tae gosa ch'ufa fida. 9 Jari gosa ch'ufa mohatu gumi Waaqa Abrahamutini wolti baha. Inni duula lafa ch'ufa ira jaba, inni waan ch'ufa fida. |
Borana Bible © Bible Society of Kenya, 2019.
Bible Society of Kenya